Finfinnee, Adoolessa 5, 2018 (FMC) – Waancaa Addunyaa 23ffaan tapha nuusa xumuraa magaalaa Kaansaasitti taphatameen Arjantiinaan Siwiizerlaandiin 3 fi 1n mo’atteetti.Arjantiinaan daqiiqaa 10ffaa irratti galchii Aleksiis Maakaalistar lakkoofseen dursituu taatus, daqiiqaa 67ffaa irratti galchiin Daan Nindooyee lakkoofsise Siwiizerlaandiin qixa taasiseera.Mo’ataa adda baasuuf daqiiqaa 30 dabalataa kenname keessatti galchiiwwan Yuuliyaani Alvaarez fi Liyootaaroo Maartiineez lakkoofsisan Arjantiinaa 3 fi 1n akka mo’attu taasisuun gara walakkaa xumuraatti dabarsiiseera.Siwiizerlaand irraa Briil Imbooloo kaardii diimaan daqiiqaa 76ffaa irratti dirree irraa ba’uun taphattoota 10n xumuruuf dirqamteetti.Shaampiyoonaan yeroo ammaa Arjantiinaan tapha walakkaa xumuraan Ingilaand waliin taphatti.#Oromia #Ethiopia