Finfinnee, Adoolessa 5, 2018(FMC)- Itiyoophiyaan kan Itiyoophiyaanota hundaa waan taateef dhimmoota adda nu baasan mariin furra jedhan Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Ara’aayaan.Dorgommiin fiigicha daandiirraa kiiloomeetira 5 Komishinichi mata duree “ Itiyoophiyaan mari’achaa jirti” jedhuun qopheesse Addabaabaayii Masqalaatti gaggeeffameera.Piroofeesar Masfin Ara’aayaa wayita kana Itiyoophiyaan kan Itiyoophiyaanota hundaa ta’uu kaasanii, dhimmoota adda nu baasan, walitti nu mufachiisan fi nu dallansiisan mariin furra jedhaniiru.Dorgommii fiigichaa kanarratti ergaawwan Itiyoophiyaan mari’achaa jirti, Mariin yaaddoorraa gara waliigalteetti, mariin hundi injifataadha jedhaniifi kanneen biroon darbaniiru.Itiyoophiyaan rakkoolee waggoottaniif ka’umsa waldhabdee ta’aa turan mariin hiikuuf waggoottan arfan darban irraa eegaltee adeemsa mariirra kan jirtu yoo ta’u yaa’iin marii biyyaalessaa Adoolessa 8, 2018 Finfinneetti eegalama.Miilkiyaas Addunyaan.#Oromia #Ethiopia