Giddu-gala tajaajila tokkoo, tajaajila si’ataafi qulqulluu hawaasaaf kennuuf…

Wait 5 sec.

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2018 (FMC) – Mootummaan rakkoowwan kenna tajaajilaa jiran furuun hawaasni tajaajila si’ataafi qulqulluu akka argatu innisheetivii Tajaajila Giddu gala Tokkoo Masoob hojiirra oolcghaa jira.Haaluma kanaan Godina Harargee Lixaa Bulchiinsa Magaalaa Cirootti wiirtuun tajaajilaa kun guyyaa har’aa tajaajila kennuu eegaleera.Giddugalichi tajaajila gahumsa qabu teeknooloojiin deeggaramee bakka tokkotti kennuudhaan hawaasni rakkina tokko malee tajaajila barbaadu saffisaa, qulqullinaafi haala mijataa ta’een akka argatuuf kan gargaaruu ta’uu odeeffannoon Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa ni mul’isa.#Oromia #Ethiopia