Finfinnee, Waxabajjii 30, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad dhimma mootummaa fi uummatni amananii itti kennan irratti, kakuu seenaanii uummata hiyyeessa kana kan saaman jiru jedhan.Dooktar Abiy yaa’ii idilee 30ffaa bara hojii waggaa 5ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa irratti argamuun gaaffilee miseensota mana marichaa irraa ka’aniif deebii fi ibsa kennaniiru.Ibsa isaanii keessattis; hanni dhimma jibbisiisaa fi yeellasisaa ta’uu ibsaniiru.Hanna ilaalchisee waanti hedduun akka dubbatamu eeranii; namoota gocha kana raawwatan ittigaafachiisuuf ragaa qabatamaa dhiyeessuu irratti hanqinni akka jiru eeraniiru.Namni akka dhaadatu miti kan jedhan dooktar Abiy; namni tokko gabaasa hordoffii ooditii qulqullaa’aa fidee mootummaan tarkaanfii hin fudhanne yoo jedhe, ittigaafatamumma nan fudhada jedhaniiru.Walumaagalatti mana maree qofa keessatti akkasumaan qarshii hangasii hir’iseera jechuu osoo hin taane; dhimmi qabatamaan ittigaafatamummaa hordofsiisuu dhiyaachuu akka qabu hubachiisaniiru.Nama fooyya’aa fi hojii hojjetu yoo ta’e, hannaan maqaa balleessuuf namoonni oduu asii fi achiin akka irratti odeessisan eeranii; mootummaa fi uummatni amananii dhimma itti kennan irratti kakuu seenaanii uummata hiyyeessa kana kan saamanis akka jiran ibsaniiru.Tilmaamaan kan murtaa’u yoo ta’e, inni hojjetuu fi inni hatu walitti makamee baduu danda’a kan jedhan Dooktar Abiy, ragaa qabatamaan harka keessan jiru yoo jiraate nuuf ergaa, tarkaanfii yoo fudhachuu baannne nu gaafadhaa jechuun hubachiisaniiru.Hanni hamaa ta’uu isaa amannee, jalqaba ofiin qabsaa’uu, dabees ragaa seeraan ittigaafatamummaa hordofsiisu qabaachuun faayidaa qaba jedhaniiru.Abeel Niwaayiin#Oromia #Ethiopia