Waancaa Addunyaa 23ffaa…

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 1, 2018 (FMC) – Taphni Waancaa Addunyaa 23ffaa qopheessummaa Ameerikaa, Kaanaadaa fi Meeksikoon taphatamaa jiru nuusa xumuraa gaheera.Waltajjiin biyyoota 48 hirmaachisuun Waxabajjii 4, 2018 eegale kun amma biyyoonni 8 qofti hafaniiru.Hanga ammaatti taphoota 96 taphatamaniin galchiiwwan 277 galaniiru.Liyooneel Meesiin galchiiwwan 8 lakkoofsisuun yoo dursu, Haalaandii fi Mbappé galchiiwwan torba qixa galchuun itti aanu.Taphoota hanga ammaatti taphatamaniin taphattoonni 13 Kaardii Diimaan Dirree keessaa gaggeeffamaniiru.Ingilaandii, Faransaay, Ispeen, Noorweey, Beeljiyeemii fi Siwiizarlaandii Awurooppaa bakka bu’uun tapha nuusa xumuraaf yoo gahan, Moorokoon Afrikaa fi Arjentiinaan ammoo Laatin Ameerikaa bakka bu’uun tapha nuusa xumuraarratti hirmaatu.Biyyoonni waancicha waloon qopheessan sadan ga’umsa gaarii fi tapha hawwataa taphachuun waltajjichaaf miidhagina addaa ta’anis nuusa xumuraaf gahuu hin dandeenye.Taphni nuusa xumuraa morkii boru halkan sa’aatii 5:00 eegalee Faransaayi Moorokoo waliin taasiftuun eegalama.#Oromia #Ethiopia