Warri mari’atan biyya ijaaraan!

Wait 5 sec.

Biyya ijaaruun Itiyoophiyaanotaaf waan haaraa miti.Galmeen seenaa yoo dubbifame qaroominni Itiyoophiyaa haalan dubbata.Itiyoophiyaanonni lammii biyya guddoo mootummaa hundeessan, seeraa fi sirna diriirsan, amantaan cimoo, gootummaan biyya tiksan, ogbarruun kunuunsan, hariiroo hawaasummaa cimaan barootaaf kan waliin jiraataniidha.Eenyummaan keenya injifannoo, ulfina fi gatii kabajamaa irraa kan hodhame ta’uu hambaan bilisummaa keenya ragaa ba’a.Haa ta’uutii waldhabdeen sababa seenaan uumame cabsiisa uumeera.Garaagartee kana humnaan hiikuuf yaaluun aadaa ta’eera.Adeemsi afaan qawweenn aangoo qabachuuf adeemamaa ture akkaan nu madeessera.Seenessi qeenxeen hidda gadi fageeffachuun walitti nu buuseera.Aadaan dhimmoota siyaasaa mariin hiikuu dagaaguu dhabuun nu miidheera.Amma Itiyoophiyaan mari’achaa jirti.Ijoolleen ishee kallattii arfanirraa walitti qabamuun madaa ture fayyisuuf murannoon qophaa’aniiru.Biyya ijaaruu, dhaloota ceesisuu fi duudhaalee itti fufsiisuun kan beekaman lammiileen Itiyoophiyaa biyya isaanii mariin cimsuuf qophaa’aniiru.Mari’achuun hundi keenya ni moo’anna, mari’achuun waliigaltee uumna, mari’achuun cabiinsa ture ni fayyisna.Ilmaan Itiyoophiyaa dhibee waldhabdee isaanii hiikuuf yaada furmaataa qopheessaniiru.Walitti bu’iinsi biyya diiga, muffii baay’isa, nageenya booressa.Nageenyi kan waaroomu, hariiroon hawaasummaa kan cimuu fi waliigalteen biyyaalessaa kan uumamu marii qofaani.Mariin waliigaltee biyyaalessaa haa uumnu, biyya dhalootaaf haa ceesifnu?Komishinii Maree Biyyaalessaa Itiyoophiyaa.#Oromia #Ethiopia