Tajaajilli Tola ooltummaa dargaggootaa daangaa ce’oo biyyaalessaa eegalame

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 1, 2018 (FMC) – Tajaajilli Tola ooltummaa dargaggootaa daangaa ce’oo biyyaalessaa mata duree ‘gaarummaa olka’iinsa Itiyoophiyaaf’ jedhuun eegalameera.Sagantaan marsaa 5ffaa kun har’a Magaalaa Hawaasaatti eegalameera.Pireezidaantii Naannoo Sidaamaa obbo Dastaa Leeddaamoo dabalatee hoggantoonni mootummaa Federaalaa fi dargaggoonni kutaalee biyyaattii garaagaraarraa walitti babba’an saganticharratti argamaniiru.Tajaajilli tola ooltummaa gochaa gaarii sammuu qulqulluurraa maddudhaa jedhan Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeen saganticharratti argamuun ergaa dabarsaniin.Waggoottan shanan darban keessa dargaggoonni miiliyoonni 25 kallattiiwwan 14’n bobba’uun tajaajila tolaa kennuu isaanii kaasan.Kanarrahiis lammiileen miilyoonni 53 ol fayyadamuu ta’uu eeran.Heebroon Waaltaawutu gabaase#Oromia #Ethiopia