Naannichi Warqee Kiiloo Giraama kuma 8 fi 985 Baankii Biyyaalessaaf dhiyeesse

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 2, 2018 (FMC) – Naannoon Beenishaanguul Gumuz bara baajataa xumurame kana Warqee Kiiloo Giraama kuma 8 fi 985 Baankii Biyyaalessaaf dhiyeesse jedhe.Bara baajatichaa oomisha Warqee guddisuuf hojiileen hojjetaman bu’aa qabatamaa galmeessuu Hogganaan Biiroo Misooma Qabeenya Albuudaa naannichaa obbo Tujjaanii Adam ibsaniiru.Kanaanis bara baajataa 2018 keessa Warqee Kiiloo Giraama kuma 8 fi 985 Baankii Biyyaalessaaf dhiyeessuun danda’ameera jedhan.Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Itiyoophiyaan bara oomishaa kana galii Doolaara biiliyoona 5.5 argachuu ifoomsuun isaanii kan yaadatamuudha.Malaakuu Gaddiftu gabaase