Finfinnee, Adoolessa 3, 2018(FMC)- Qabdoonni qaboo Yaa’ii iftoominaafi amanamummaa adeemsa marii biyyaalessaa keessatti qooda olaanaa qabu jedhan Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Ara’aayaan.Komishinichi qabdoota qaboo yaa’iif leenjii kennaa jiraachuu ibseera.Wayita yaa’ii marii biyyaalessaa qoodni qabdoota qaboo yaa’ii murteessaa ta’uu kaasuun, yaa’ii qabdoonni gahee qabxiilee marii, yaadotaafi yaadota furmaataa galmeessuu akka qaban ibseera.Yaadota furmaataafi qabxiilee waliigaltee adda baasuunis itti gaafatamummaa qabdoota qaboo yaa’ii ta’uu hubachiiseera.Kanuma bu’uura godhachuun komishinichi qabdoota qaboo yaa’ii naannolee 11 fi bulchiinsota magaalaa 2 irraa walitti babba’aniif sagantaa hubannoo uumuu qopheesseera.Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Ara’aayaan wayita kana adeemsi marichaa bal’aa ta’uu eeruun, qabdoonni qaboo yaa’ii gahee olaanaa akka qaban ibsaniiru.Qabdoonni qaboo yaa’ii iftoominaafi amanamummaa adeemsa marichaa mirkaneessuu keessatti gahee guddaa qabaachuu kaasanii, bu’aaleen marii sirriin fi karaa walaba ta’een akka galmaa’uuf itti gaafatamummaa guddaan akka irraa eegamu hubachiisaniiru.Wayita marii adeemsa qaboo yaa’ii marii, qophii sanadaa, qulqullina odeeffannoo fi naamuusa irratti marii bal’aan kan taasifame yoo ta’u hirmaattonnis gaaffileefi yaadota isaanii dhiyeessuun ogeeyyii komishinichaan deebiin itti laatameera.Leenjii kanarratti qabdoonni qaboo yaa’ii Yuuniivarsiitiiwwan, Manneen Murtii, Waldaalee Siiviilii Hawaasaafi bakka bu’oota dhuunfaarraa filataman 180 ol hirmaataniiru.#Oromia #Ethiopia