Finfinnee, Adoolessa 2, 2018 (FMC) – Pireezidant Doonaald Traamp waliigalteen dhukaasa dhaabuu xumurameera jechuun erga labsanii booda, Ameerikaan Iraan irratti haleellaa raawwatteetti.Waashingitan haleellaa kanaan iddoowwan qiyyaafannoo 90 ol kan rukutte ta’uu kan ibsite yoo ta’u, qondaaltonni Iraan gama isaaniitiin “kun tapha miti; yoo haleellaan nu irratti banamu callisnee hin ilaallu” jechuun akeekkachiisaniiru.Ameerikaan Wiixata darbe Ulaa Hormuz keessaa dooniiwwan daldalaa sadii irratti Iraan haleellaa raawwatteetti jechuun tarkaanfii deebii fudhatteen, dooniiwwan waraanaa Humna Eegumsa Warraaqsaa Iraan 65 barbadeessuu ibsitee turte.Teehraan gama isheetiin himannaa Ameerikaan dhiyeessite fudhatama dhabsiisuun, buufataalee waraanaa Ameerikaa Baahireen, Kuweet fi Qaataaritti argaman irratti haleellaa ijaa ba’iinsaa raawwatteetti.Ajajni Giddugaleessaa Waraana Ameerikaa (CENTCOM) ajaja kallattii Pireezidant Doonaald Traamp irraa kenname bu’uureffachuun, haleellaa marsaa lammaffaa raawwateen iddoowwan qiyyeeffannaa waraanaa 90 ol rukutuu beeksiseera.Haleellaa Ameerikaan raawwatte kanaan namoonni 14 ajjeefamuu fi namoonni 78 madaa’uu Ministeerri Fayyaa Iraan ibseera.Erga waliigalteen dhukaasa dhaabuu guyyootaaf hojiirra oolee booda, biyyoota lamaan gidduutti waraana deebi’ee hammaachaa dhufe hordofuun, gatiin boba’aa addunyaa torban kana qofa keessatti dhibbeentaa 5n dabaluu BBC’n gabaaseera.#Oromia #Ethiopia