Finfinnee, Adoolessa 2, 2018 (FMC) – Bara baajataa 2018 keessa meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii biiliyoona 28.9 olitti tilmaamaman to’ataman jedhe Komishiniin Gumrukaa.Komishinichi bara baajataa kana galii Birrii biiliyoona 700 fi biiliyoona 38 ol walitti qabuu Komishinarri Olaanaan Komishinichaa Dooktar Dabalee Qaabataan ibsaniiru.Bara baajataa xumurame kanatti hojiin galii walitti qabuu, kenniinsi tajaajilaa, to’annoo fi hordoffii Kontiroobaadiin bu’aa gaariin galmaa’uu kaasan.Bara 2018 keessa qaraxa meeshaalee alaa galaniirraa galiin Birrii biiliyoonni 700 fi biiliyoonni 38 ol argamuu eeran.To’annoo fi hordoffii taasifamaa tureen meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii biiliyoona 28.9 olitti tilmaamaman to’atamuu himan.Zufaan Ambaachootiin#Oromia #Ethiopia