Mari’achuun biyya ijaaruu, dhaloota ceesisuu fi duudhaalee itti fufsiisuu…

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 2, 2018 (FMC) – Seenaa keessatti biyyoonni walitti bu’iinsa, hiyyummaa fi gaaga’ama hawaasummaa keessa darbuun har’a badhaadhaan jiru.Iccitiin biyyoota kanneenii qabeenya uumamaa osoo hin taane ogummaa mariin rakkoo fi dhiphina keessatti gadi taa’anii mari’achuu fi waliigaltee biyyaalessaa uumuu isaaniti.Akka fakkeenyatti Afrikaan Kibbaa mariin haalli itti biyya cimtuu ijaarte agarsiiftuudha.Sirni Appaartaayidii erga kufee booda biyyattiin kallattii hin taane qabachuuf kan turte ta’us, hoggantoonni siyaasaa fi hawaasummaa mari’achuun Afrikaa Kibbaa hunda hammatte ijaaraniiru.Akkasuma duguuggaa sanyii raawwatameen booda Ruwaandaan aadaa marii ummataa gaggeessuun dhiifamaa fi araaraan biyya cimtuu ijaaraniiru.Waraana Kooriyaan booda gaaga’ama siyaasaa hamaa keessa galtee kan turte Kooriyaan Kibbaa, mootummaan, hojjettoonnii fi abbootiin qabeenyaa mari’achuu isaaniin biyya isaanii baraaraniiru.Ayarlaandis mari’achuun gaagama’ama amantaa fi siyaasaa hamaa keessaa bahuun sadarkaa Awurooppatti tarree biyyoota guddatanii keessa galuu dandeesserti.Muuxannoon biyyoota kanneenii kan agarsiisu mariin xumura kufaatii fi jalqabii badhaadhinaa ta’uu ragaadha.Itiyoophiyaanis waldhabdee siyaasaa, diingadee fi hawaawummaa qabdu xumuruuf seenaa keessatti marii biyyaalessaa guddaa ta’e gaggeessaa jirti.Mariin kun garaagartee seenessaa, komii seenaa fi gaaffilee eenyummaa karaa nagaan furuuf waltajjii ijoodha.Yaa’iin Maree Biyyaalessaa Adoolessa 8, 2018 Magaalaa Finfinneetti eegala.Bakka Bu’oota Uummataa fi miseensota Diyaaspooraa dabalatee hirmaattoonni kumni 4 ol yaa’icharratti ni hirmaatu.Hirmaattoonni yaa’ichaa guyyaa kaleessaa eegalanii Finfinnee seenaa jiru.Komishinichi waggoottan arfan darban keessa waltajjiiwwan adda addaa qopheessuun lammiilee kuma 200 ol waliin mari’achuun ajandaa walitti qabeera.Biyya ijaaruu, dhaloota ceesisuu fi duudhaalee itti fufsiisuun kan beekaman lammiileen Itiyoophiyaa biyya isaanii mariin cimsuuf qophaa’aniiru.Ilmaan Itiyoophiyaa dhibee waldhabdee isaanii hiikuuf yaada furmaataa qopheessaniiru.Siifan Magarsaatiin#Oromia #Ethiopia