Dameen Aviyeeshinii Itiyoophiyaa Afrikaarraa adda duree fi sadarkaa idil-addunyaatti saffisa guddaan guddachaa kan jiru mootora diinagdee isa guddaa ta’eera.Damichi sosochii tuurizimiifi daldalaa biyyattii keessatti oomisha biyya keessaan Doolaara biiliyoona 2 ol gumaachaa jira.Daandiin qilleensichaa yeroo ammaa xiyyaarota ammayyaafi eegumsa naannoof mijatoo ta’an 165 ol qaba.Daandiin qilleensichaa xiyyaarota haaraa 67 bituufis ajajeera.Daandiiwwan qilleensaa Afrikaa kamiiniyyuu caalaa iddoowwan gahumsaa idil-addunyaa 131, magaalota Afrikaa 63 dabalatee balalliiwwan imaltootaafi fe’umsaa idilee taasisa.Walitti fufiinsaan milkaa’ina damee aviyeeshiniin galmeessiseen bara 2024 fi 2025’tti qofa galii Doolaara biiliyoona 7.6 maddisiisuun imaltoota miiliyoona 19 imalchiiseera.Bara kana Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin dhagaan bu’uuraa isaa kan kaa’ame ijaarsi buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Bishooftuu( Abuuseeraa) saffisa olaanaan raawwatamaa jira.Piroojektichi baasii Doolaara biiliyoona 12.5 kan gaafatu yoo ta’u, guutummaatti wayita xumuramu dandeettii imaltoota miiliyoona 100 fi miiliyoona 10 keessummeessuu qaba. Kunis Afrikaarraa isa guddicha isa taasisa.Pirojektichi muddama buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Boolee hir’isuun Itiyoophiyaa akka Dubaay fi Istaanbul wiirtuu tiraanziitii idil-addunyaa ishee taasisa.Yeroo ammaa daandiin qilleensichaa tarsiimoo 2035 bocuun hojiirra oolchuun waliingahiinsa balallii biyya keessaa gara 26’tti guddiseera.Karoora tarsiimawaa Kanaan xiyyaarota haaraa 105 bituuf dhaabbilee Booyiing fi Eerbaas waliin waliigaluun eegaa jira.Kunis waggoottan itti aananitti lakkoofsa waliigalaa xiyyaarota isaa 270 ol irraan gahuuf kan kaayyeffatedha.Jalqaba bara kanaatti buufataaleen xiyyaaraa ammayyaa sadii naannoleetti ijaaramuun hojii eegalaniiru.Isaanis Buufata Xiyyaaraa Gadaa Nagellee Booranaa, buufata xiyyaaraa Goree Mattuufi guyyaa har’aa kan eebbifame buufata xiyyaaraa mootii Taklaayimaanoti.Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa Afrikaarraa tajaajila fe’umsaa guddaa kan kennu yoo ta’u, waggaatti meeshaalee toonii kuma 200 fi kuma 48 fi 400 ol geejjibsiisa.Kunis daldala alaa biyyattii, Abaaboo, Bunafi Fuduraa kallattiin gabaa addunyaa waliin walitti hidhuun wabii diinagdee ta’eera.Akka gabaasa Waldaa Geejjiba Qilleensarraa Idil-addunyaatti fedhiin imala qilleensarraa Itiyoophiyaa jiru waggoottan 20 dhufan keessatti dacha sadiin ni guddata jedhameetu eegama.Guddinni kun lammiilee kuma 500 fi kuma 20 oliif kallattiifi al-kallattiin carraa hojii uumeera.