Finfinnee, Fulbaana 8, 2019 (FMC) – Hanqinni dubbisuu fi barreessuu dadhabuu daa’immanii bulee rakkoo siyaas diinagdee fu hawaasummaa waan ta’uuf furuuf hojjetamaa jira jedhe Biiroon Barnootaa Oromiyaa.Ga’umsaa fi dandeettii barsiisota Afaan Oromoo kutaa 1ffaa barsiisanii fi dura bu’oota manneen barnootaa fooyyeessuufis hojjetamaa jira.Hanqinni dubbisuufi barreessuu dadhabuu daa’immanii jireenya egeree daa’immaniitti hudhaa ta’uurra darbee rakkoo siyaas – dinagdeefi hawaasummaa biyyaa ta’uu waan danda’uuf kutannoo hojjechuun barbaachisaadha jedhan Hogganaa Ittaanaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Bultoosaa Hirkoon.Sagantaan kun aanaalee 27 irratti gaggeeffamaa kan jiru ta’uu fi aanaalee 20 irratti Biiroo Barnootaa Naannoo Oromiyaan, aanaalee 7 irratti immoo dhabbanni miti mootummaa “Lumines Fund” jedhamun Baankii Addunyaa waliin hojjechaa jiraachuu biirichatti Daayirektara Daayirektoreetii Sagantaa Barnoota Sadarkaa1ffaa obbo Shamsaddiin Ibraahim ibsuu ragaan BBO irraa argame ni mul’isa.#Oromia #Ethiopia