Finfinnee, Fulbaana 8, 2019 (FMC) – Damee barnootaan dhaloota faayidaa biyyaalessaa kabachiisu horachuuf hojjetamaa jira jedhan Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan.Dhaloota faayidaa biyyaalessaa eegsisu, ga’umsa qabu, teeknooloojiin ga’oome, biyya jaalataau fi faayidaa dhuunfarra faayidaa biyyaaf dursa kennu horachuuf sirna barnootaa sirreessurratti bal’inaan hojjetamaa turuu fi hojjetamaa jiraachuu dubbatan Piroofeesar Birhaanuun.Qulqullina barnootaa mirkaneessuuf sirna barnootaa fooyyessuu fi adeemsa kenniinsa qormaata biyyaalessaa walirraa waraaburraa bilisa ta’e uumuuf hojjetamuu eeran.Waggoottan sadan darban hawaasa hirmaachisuun Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 46 oliin manneen barnootaa kumni 17 ol haaraan ijaaramuu, kumni 36 ol ammoo haaromuu ibsan.Lakkoofsi manneen barnootaa idileen duraa kuma 4 qofa ture ammaa kuma 36 qaqqabuu dubbatan ministirichi.Kitaabileen sadarkaa 2ffaa miiliyoonni 45 ol maxxanfamuun barattootaaf raabsamuu fi barsiisoota kuma 100 fi kuma 20 hanga kuma 100 fi kuma 30 ta’aaniif leenjiin dandeettii guddisuu kennamuu kaasan.Qormaata waliirraa waraabuu hambisuu fi dhaloota eenyummaa biyyaalessaarratti hundaa’e horachuuf tattaaffiin taasifamu cimee kan itti fufu ta’uu mirkaneessan Piroofeesar Birhaanuu Naggaan.#Oromia #Ethiopia