Finfinnee, Fulbaana 10, 2019(FMC)- Damee utubaalee diinagdee Itiyoophiyaa shanan keessaa dameen ICT isa tokko. Hojiilee damee Kanaan hojjetamaa jiran keessaas teeknooloojiin hubannoo nam-tolchee tokkodha. Mootummaan Ida’amuu dargaggoota irratti hojjechuun egeree Itiyoophiyaa irratti hojjechuu akka ta’e hubachuun Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa hundeessuun ashaaraa guddaa dhalootaaf darbu kaa’eera. Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad haasawaa yaa’ii BRICS irratti taasisaniin, teeknooloojiin hubannoo namtolchee biyyoota guddachaa jiranitti jijjiirama diinagdeefi hawaasummaa dhugoomsuuf murteessaa ta’uu ibsaniiru. Afrikaan yeroo itti aanutti teeknooloojii hubannoo namtolchee kan fayyadamtu qofa osoo hin taane kalaquu irratti dammaqinaan hirmaachuu akka qabdus eeraniiru. Kana dhugoomsuuf ammoo invastimantiiwwan qorannoo, ogummaafi teekinika akkasumas hoggansa dhaabbataa cimaa irratti xiyyeeffatan kan barbaachisu ta’uu hubachiisaniiru. Afrikaan sirna teeknooloojii hubannoo namtolchee ardittii deeggaran misoomsuuf dhaabbilee barnootaa, teeknooloojiifi qorannoo biyyoota miseensa BRICS waliin hariiroo cimaa uumuuf Itiyoophiyaan fedhii guddaa akka qabdu ibsaniiru. Dameewwan fayyaa, qonnaa, barnootaafi kanneen biroo keessatti faayidaa guddaa kennaa kan jiru teeknooloojiin hubannoo namtolchee, dhamaatii hambisuun jiruufi jireenya namootaa salphisuu irra darbee yeroofi humna qusachuu keessattis qooda olaanaa bahaa jira. Teeknooloojiin kun rakkoo ofii dandeettii ofiin furuuf ogummaa dandeessisu kan nama gonfachiisudha. Xiyyeeffannoo mootummaan damichaaf kenneen darggaggoonni yaadota kalaqaa garaagaraa hojjechuun biyyaaf gumaachaa jiru. Egeree ijaaruuf har’a eegaluun barbaachisaa waan ta’eef Ministeerri Innooveeshiniifi Teeknooloojiis dorgommiiwwan kalaqa teeknooloojii garaagaraa qopheessuun haala dargaggoonni ittiin ogummaa isaanii gabbifatan mijeessaa jira. Kunis kalaqaaleen teeknooloojii hubannoo namtolchee rakkoolee furan kan lammiilee biyya keessaan hojjetaman akka babal’atan taasiseera. Itiyoophiyaan teeknooloojii hubannoo namtolchee irratti waliigalteewwan fayyadamummaa waloo bu’uureffatan mallatteessiteetti. Kun immoo bu’aa qabatamaa diijitaal Itiyoophiyaa 2030 milkeessuuf kan agarsiisudha. Beeteliheem Girmaan.