Itiyoophiyaan yeroo darbanitti seenessa walitti fidan fi biyya tokko taasisan ijaaruu dhabuu isheen, tokkummaan biyyaalessaa ishee yeroo dheeraaf rakkoo keessa gale tureera.Jijjiirama biyyaaleessaa as, seenessoota dogoggoraa hojiileen bu’uurarraa jijjiran hedduun hojjetamaniiru.Biyyi Bu’aa seenessa fi ilaalcha waloo waan taateef, mootummaa cimaa fi fudhatama qabu ijaaruuf, seenaa mootummaa ykn seenaa biyyaalessaa walitti fidu ijaaruuf xiyyeeffannoo addaa kennuun irratti hojjetamaa jira.Seenessi dhufeenya siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa keessatti gahee olaanaa qaba.Adeemsa ijaarsa mootummaa keessatti, seenaa waloo ijaaruun ijaarsa dhaabbilee saffisaa fi mul’ata biyyaalessaa cimsuuf, walitti dhufeenya hawaasummaa guddisuuf, akkasumas tokkummaa biyyaalessaa uumuuf gahee murteessaa qaba.Wal irraa fagaachuu irra walitti dhiyaachuu, shakkii irra wal amanuu cimsuun, seenaa fi seenessa jallatan sirreessuu fi qajeelchuun itti gaafatamummaa dhaloota kanaati.Seenessa dogoggoraan kan uuman Idaa dhalootaa kaffaluun, dhaloonni dhufu miindaa malee idaa akka hin dhaalle gochuuf qabsoo cimaan eegalameera.Seenessi biyyaalessaa tokkummaa biyyaalessaa kan cimsu Itiyoophiyaa waliinii egeree ijaaruun tokkummaa Itiyoophiyaanotaa kan jabeessuudha.Akkasumas, lammiileen dhimma biyya isaanii irratti waliin akka dhaabbatan, badhaadhinaaf akka tattaafatan gochuun, wal dhabdee karaa nagaan furuun karaa waliigaltee fi hubannoo walinii ni bana.Mootummaan Ida’amuu, saboota fi sablammoota gidduutti waliin jiraachuu fi tokkummaa cimsuun, mootummaa cimaa ijaaruuf cichoominaan hojjechaa jira.Seenessa dogoggoraa fi seenaawwan jallatan sirreessuun tokkummaa sabootaa fi sablammootaa ijaaruun, sadarkaa fi kabaja biyyaalessaa guddisuuf faayidaa olaanaa qaba. Akkasumas, seenaa fi ilaalcha waloo irratti hundaa’uun badhaadhina waliigalaa mirkaneessuun ni danda’ama.Biyyi mana waloo waliigaltee irratti ijaaramtu waan taateef, seenaa fi dhugaan waloo ka’umsa qaban barbaachisoo dha. Tokkummaa saboota fi sablammootaa cimsuu fi dhugaa waloo irratti hundaa’uun biyya waliinii sadarkaa fi kabajni ishee mirkanaa’e ijaaruuf, seenessa biyyaalessaa ijaaruun gahee olaanaa qaba.Ida’amuu fi waliin jiraachuun gatiiwwan Itiyoophiyaanotaa waan ta’aniif, seenaa fi ilaalcha waloo tokkummaa cimsan irratti xiyyeeffachuun, kabajaa fi badhaadhina biyyaalessaaf ciminaan hojjechuun barbaachisaa dha.#OROMIA #ETHIOPIA