Injifannoo Itiyoophiyaan yaa’ii BRICS irratti galmeessiste

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 6, 2019(FMC)- Siyaasaafi diinagdee idil-addunyaa keessatti dhiibbaan BRICS dabalaa dhufeera.Garichi waltajjii biyyoonni faayidaalee isaanii itti kabachiisaniifi hariiroo tarsiimawaa ittiin cimsatan ta’aa jira.Hirmaannaa ho’aa Itiyoophiyaan yaa’ii hooggantootaa garichaa 18ffaa Hindi Niwu Deelihiitti gaggeeffame irratti taasifte milkaa’ina biyyattiin dippiloomaasii gamlameefi dam-hedduun milkeessite kan agarsiisudha.Yaa’ichi milkaa’inoota biyyaalessaa Itiyoophiyaan galmeessiste akka mul’istuuf carraa kan uumes ture.Itiyoophiyaan murtoowwan dikilaareeshinii Niwu Deelhii keessatti hammatamuun ishee milkaa’ina dippiloomaasii isheef agarsiistuu guddaadha.Keessumaa dikilaareeshinii kana keessatti tattaaffii isheen miseensa dhaabbilee faayinaansii idil-addunyaa ta’uuf taasiftu deeggarsa argachuun fi Mana Maree Dhaabbata Aviyeeshinii idil-addunyaa keessatti ardii bakka bu’uun teessoo akka argattuuf beekamtiin kennameef milkaa’ina imaammanni dippiloomaasii ishee argamsiisedha.Murtoowwan kunneen fedhiiwwan diinagdeefi daldalaa biyyattii eegsisuu keessattis qooda olaanaa qaba.Itiyoophiyaan faayidaa biyyaalessaa ishee kabachiisuurra darbee Afrikaa guutuuf sagalee ta’uun adda durummaan falmiteetti.Yaadonni Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad yaa’icharratti dhiyeessan ajandaalee BRICS ajandaalee misooma waaraa, nageenyaafi tasgabbii Gamtaa Afrikaa 2063 waliin kan walsimsan turan.Kunis kutannoo Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa ardiifi tumsa Kibba-Kibbaaf qabdu kan calaqqisiisudha.Yaa’ichaan cinaatti marii Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Ministira Muummee Hindii Naareendiraa Moodii, Pireezidaantii Raashiyaa Viilaadmiir Puutiin fi hoggantoota biroo waliin taasisan gama dippiloomaasiin hiikkaa guddaan kan kennamuufidha.Hirmaannaa Itiyoophiyaan yaa’ii BRICS irratti taasifte madaala dippiloomaasii addunyaa eeguun imalaa akka jirtu mirkaneessa.Dippiloomaasiin ishee kun hariiroo biyyattiin dhaabbilee liqeessitootaafi faayinaansii buleeyyii waliin qabdu osoo hin miidhiin filmaatawwan faayinaansii akka Baankii Niwu Divilooppimanti akka fayyadamtuuf carraa uumeera.Adeemsi ishee kunis qormaatileefi haalota siyaasaa addunyaa jijijjiiramaa ta’e keessatti guddina diinagdee biyyattii saffisiisuuf akkasumas dhiibbaa siyaasaafi Ji’oopolatiksii biyyattii guddisuuf toora imaammata alaa sirrii ta’uu mirkaneessaa jira.Yoonaas Geetinnatiin.