Finfinnee, Fulbaana 10, 2019 (FMC) – Piriimer Liigii Ingiliz torbee 5ffaan guyyaa har’aa taphoonni 4 ni taphatamu.Sa’aatii 10:00 irraa eegalee Maanchistar Siitiifi Sandarlaand ni taphatu.Sa’aatuma walfakkaataatti Liivarpuul fi Barnimaawuz, Liidsi Yuunaayitid fi Kiristaala Paalaas wal morkatu.Sa’aatii 12:30 irraa eegalee ammoo Maanchistar Yuunaayitid Fuulhaam waliin kan taphatu ta’a.Taphoota guyyaa kaleessaa taphatamaniin Arsenaal Biraayitaniin galchii 3 fi 0 yoo injifatamu; Aston Viilaan Tootanhaamiin galchii 3 fi 2’n ijifateera.