Giifaataan ayyaana obbolummaa cimsu- Obbo Xilaahun Kabbadaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 10, 2019 (FMC) – Ayyaanni jijjiirraa baraa Walaayittaa “Giifaataan” ayyaana obbolummaa cimsudha jedhan Pireezidaantiin Naannoo Kibbaa Itiyoophiyaa obbo Xilaahun Kabbadaa. Ayyaanni jijjiirraa baraa Walaayittaa “Giifaataa” guyyaa har’aa magaalaa Walaayittaa Sooddootti kabajamaa jira. Pireezidaantiin naannichaa obbo Xilaahun Kabbadaa wayita kana, galmee hambaalee kiliyyaa UNESCO jalatti kan galmaa’e, Giifaataan sadarkaa biyyaalessaatti uummata waldeeggaru uumuuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru. Ayyaanichi qabeenya naannichaa, biyyaafi addunyaa ta’uu eeranii, akkaata kabaja isaa addunyaatti beeksisuun itti gaafatamummaa hundaa ta’uu ibsaniiru. Bulchaan godina Walaayittaa Saamu’eel Tasammaa gamasaaniin, Giifaataan agarsiistuu waloomaa ta’uu ibsuun keessummoota ayyaanicha kabajuuf bakkeewwan garaagaraarraa dhufan galateeffataniiru. Xilaahun Huseen’tu gabaase.