Injifannoo dippilomaasii dachaa Itiyoophiyaan BRICS keessatti galmeessaa jirtu

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 5, 2019 (FMC) — Yaa’ii 18ffaa Hooggantoota BRICS Hindii, Niwuu Deelhitti gaggeeffamerratti, Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad mariiwwan cinaa gaggeessaniin dameewwan tumsa biyyoota gidduu jiran cimsuun, injifannoo dipilomaasii galmeessisanitti kan ilaalamanii dha.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, yaa’icha cinatti hoggantoota biyyoota garaagaraa waliin mari’ataniiru.Mariiwwan kanneen keessatti dhimmoota dinagdee, nageenyaa, daldalaa fi tumsa Kibba Addunyaa irratti xiyyeeffatan irratti mari’ataniiru.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, Ministira Muummee Hindii Naareendra Moodii waliin marii bu’a qabeessa geggeessaniin, dhimmoota dameewwan Itiyoophiyaa fi Hindii gidduutti tumsa jiru caalaatti cimsuu danda’an irratti mari’ataniiru. Mariin isaanii tumsa ittisaa guddisuu, dabarsa teeknooloojii, ijaarsa dandeettii, misooma albuudaa akkasumas qophii KOP 32tti adeemsifamu irratti tumsa isaanii cimsuu irratti kan xiyyeeffate ture.Dameewwan kunneen tumsa hojii qabatamaa irratti hundaa’e caalaatti guddisuu fi ummatoota biyyoota lamaaniif carraawwan haaraa uumuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu kan ibsan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, dandeettiiwwan biyyoota lamaanii gidduu jiran hariiroo uummataa irratti kan hundaa’e fi faayidaa waloo sadarkaa olaanaan mirkaneessuuf gara tumsa cimaatti jijjiiruu akka qaban akeekaniiru.Pirezidaantii Iraanii Maasood Peezeeshkiyaan waliin marii geggeessaniin, haala yeroo naannoo Galaana Diimaa fi haala nageenyaa waliigalaa naannichaa irratti xiyyeeffachuun mari’ataniiru.Akkasumas dhimmoota tasgabbii naannichaa mirkaneessuu danda’anirratti mari’achuu ibsaniiru.Prezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waliin hariiroo tarsiimawaa biyyoota lamaanii caalaatti cimsuu dhimmoota dandeessisan irratti mari’achuun, marii bu’a qabeessa Yaa’ii BRICS cinaatti gaggeessan ta’eera.Marii isaanii keessatti dameewwan ittisaa fi nageenyaa, daldalaa fi invastimantii, barnootaa akkasumas teeknooloojii irratti tumsa qaban guddisuuf kutannoo waloo qaban irra deebiin mirkaneessuu isaanii Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru. Carraawwan tumsa isaanii caalaatti cimsuu danda’anirratti mari’achuu isaaniis eeraniiru.Dabalataanis, qophii KOP 32, jijjiirama qilleensaa fi galmawwan misoomaa ilaalchisee tumsa isaanii caalaatti cimsuu haala itti danda’anirratti mari’ataniiru. Daldalaa fi waljijjiirraa dinagdee faayidaa waloo irratti hundaa’e caalaatti babal’isuuf waliin hojjechuufis waliigalteerra ga’aniiru.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Prezidaantii Chaayinaa Shi Jiinpiing, Prezidaantii Kaazaakistaan Qaasiim Joomaart Tokaayev, Ministira Muummee Veetnaam Lee Miin Huung, Dhaalaa Mootummaa Abu Dhaabii Sheek Khaalid bin Mahaammad bin Zaayid Al Naahyaan akkasumas Ministira Muummee Maaleeshiyaa Anwaar Ibraahiim waliin mariiwwan bu’a qabeessa geggeessaniiru.Mariiwwan cinaa kunneen Itiyoophiyaan biyyoota Kibbaa michoota ishee waliin hariiroo qabdu caalaatti cimsuu fi dameewwan tumsa haaraa irratti waliin hojjechuuf carraa kan uumanii fi injifannoo dipilomaasii dachaa ta’uun ibsameera.Mikiyaas Ayyalaatiin#Oromia #Ethiopia