Finfinnee, Fulbaana 8, 2019 (FMC) — Waraana Baha Giddu galeessaa Iraan Ameerikaa fi Israa’el waliin walitti bu’iinsa keessa galteen, keessumaa cufamuun ulaa Hormuz, sochii daldalaa fi dinagdee addunyaa irratti dhiibbaa guddaa uumaa tureera.Ulaan Hormuz cufamuun dhiyeessii boba’aa fi meeshaalee bu’uuraa biroo irratti jeequmsa uumuu isaatiin, gatii meeshaalee bu’uuraa idil addunyaa irratti qaala’iinsa guddaa uumeera.Dhimmi nageenya sararoota daldalaa addunyaa murteessoo Ulaa Hormuuz fi Baab El-Mandab eeguu dhimma biyyoota naannichaa qofa osoo hin taane, dhimma addunyaa ta’uu ta’iinsi kun agarsiistuu tokkoo dha.Sochiin gareen fincilaa Yaman Huutiin naannoo Galaana Diimaa fi sarara daldalaa Baab El-Mandab irratti gochaa jiru bu’aa walfakkaataa akka hin uumne sodaatamaa jira.Biyyoonni humna qaban Galaana Diimaa irratti buufata isaanii hundeessuu fi buufata waraanaa ijaaruuf galaana ce’anii dhufuu isaanii yoo ilaallu, nageenyi naannichaa hammam murteessaa akka ta’e hubachuun ni danda’ama.Balaan naannichaarratti marsaa jiru Itiyoophiyaa, Galaana Diimaa irraa fageenya kiiloo meetira 60 irratti kan argamtu Itiyoophiyaaf ergaa cimaa dabarsa.Haalli kun Itiyoophiyaa fi biyyoota naannichaatiif akeekkachiisaa guddaa ta’uu irra darbee, naannichi humna waraanaa guddaa kan qabu akka Itiyoophiyaa akka barbaadu agarsiisa.Dhaabbanni qorannoo fi qo’annoo idil-addunyaa,Landan Ingilizitti argamu “Chaatham House” akka jedhutti, Huutonni yeroo dhiyoo asitti sochii isaanii babal’isuun nageenya naannoo Gaanfa Afrikaa irrattis dhiibbaa geessisaa jiruDhaabbanni kun ibsa bal’aa Wiixata darbe baaseen, Huutonni sochii isaanii karaa sochii dooniiwwan daldalaa addunyaa, gabaa anniisaa akkasumas naannoo Galaanaa fi Gaanfa Afrikaa irratti dhiibbaa uumuu akka danda’an ibseera.Gamtaan Afrikaa ibsa kaleessa galgala baaseen, nageenyi naannoo Galaana Diimaa, keessumaa nageenyi Baab El-Mandab, faayidaa biyyoota Galaana Diimaa fi Gaanfa Afrikaa waliin walitti dhufeenya tarsiimawaa akka qabu cimsinee hubachiiseera.Dhugaawwan kunneen kan mirkaneessan nageenya Galaana Diimaa irratti jeequmsi uumamu Itiyoophiyaa irratti dhiibbaa waan qabuuf, Itiyoophiyaan ajandaa nageenya naannichaa irraa adda baatee itti fufuu akka hin dandeenye agarsiisa.Kunis Itiyoophiyaan Galaana Diimaa irratti ulaa galaanaa kallattiin argachuu qofa osoo hin taane, nageenya naannoo Galaana Diimaa guutuu keessatti Itiyoophiyaan barbaachisaa ta’uu ishee ifatti mul’isa.Itiyoophiyaan waggoota digdama darban keessa naannoo Baha Afrikaa]ti nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuuf gareewwan shororkeessitootaa, kanneen akka Al-Shabaab, loluun gahee murteessaa taphatteetti.Itiyoophiyaan humni waraanaa amma ijaarratte fi muuxannoon nageenya naannichaa eeguurratti waggoota darban horatte, nageenyaa fi tasgabbii naannoo Galaana Diimaatiif barbaachistuu ishee taasiseera.Kanaafi dha Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa Itiyoophiyaanota qofaaf osoo hin taane, nageenyi naannichaa kan isaan galchu hundaaf dhimma murteessaa ta’uu kan hubachiisan.Hayilamaariyaam Tagagniin#Oromia #Ethiopia