Finfinnee, Fulbaana 10, 2019 (FMC) — Finfinneen misooma koriidarii yaada magaalaa ismaartii waliin qindeessuun, fedhii fi gaaffii dargaggootaa deebisuun, dorgommiiwwan ispoortii gurguddoo sadarkaa idil-addunyaa fi ardiitti gaggeeffaman keessummeessuuf wiirtuu ta’aa jirti .Magaalattiin misooma koriidarii ammayyaa yaada magaalaa ismaartii waliin qindeessuun saffisaan jijjiiramaa jirti.Hojiiwwan magaalattii ammayyeessuu fi bu’uuraalee misoomaa babal’isuu, fedhii fi gaaffii dargaggootaa karaa buureffateen deebisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiru.Kanaanis Finfinneen magaalota dorgommiiwwan ispoortii gurguddoon sadarkaa ardii fi idil-addunyaatti ulaagaalee idil-addunyaa guutan, itti gaggeeffaman keessaa magaalaa filatamtuu akka taatuuf gahee olaanaa qaba.Dorgommiin Maarshaal Aartii walmakaan (MMA) yeroo dhiyoo as hawaasa keessatti, keessumaa dargaggoota biratti, jaalala guddaa argachaa dhufe, jijjiirama haaraa magaalattiitti mul’achaa jiruuf fakkeenya ta’eera.Ispoortiin kun fedhii fi hawwii dargaggootaa guutuu bira darbee, naamusa, obsa, cichoominaa fi dandeettii ispoortii irratti hundaa’uun dhaloota haaraa ijaaruuf gahee olaanaa bahachaa jira.Dorgommiiwwan sadarkaa idil-addunyaa eeggatan Finfinneetti gaggeeffamuunis dandeettii dargaggootaa sadarkaa olaanaatti ceesisuuf carraa guddaa uumee jira.Finfinneen dorgommiiwwan Maarshaal Aartii walmakaa qofa osoo hin taane, sagantaalee ispoortii idil-addunyaa fi sadarkaa ardii hedduu gahumsaan keessummeessuu eegalteetti.Babal’achuun bu’uuraalee misooma ispoortii ammayyaa, qulqullinni fi bareedinni misooma koriidariitiin dhufe fi tajaajiloonni hoteelotaa fi geejjibaa ammayyaa’aa dhufuun, Finfinneen dorgommiiwwan sadarkaa Olompikii qaban akka keessummeessituu fi wiirtuu ispoortii olaanaa Baha Afrikaa akka taatuuf gumaachaa jiru.Sochiin misoomaa fi ispoortii hunda galeessi kun, Finfinneen jiraattota ishee, keessumaa dargaggootaaf, mijattuu, hawwattuu fi abdachiistuu ta’aa dhufuu ishee qabatamaan kan agarsiisudha.Kanaanis carraan dargaggoonni beekumsa fi ogummaa damee ispoortiin qaban ittiin mul’isan, jireenya fayya qabeessa ittiin guddifatan fi hojiiwwan misoomaa magaalaa isaanii keessatti dammaqinaan ittiin hirmaatan uumamaafii jira.#Oromia #Ethiopia