Riifoormiin damee barnootaan hojiirra oole bu’aa qabatamaa galmeessaa jira – Piroofeesar Birhaanuu Naggaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 6, 2019 (FMC) – Riifoormiin damee barnootaan hojiirra oole bu’aa qabatamaa galmeessaa jira jedhan Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan.Kaayyoo guddaan haaromsa sirna barnootaa dhaloota ofitti amanamummaa fi daandeettii guutuu qabu horachuudha.Riifoormiin damee barnootaa qormaata biyyaalessaa kutaa 12fffaarratti hojiirra oole qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti jijjiirama qabatamaa fidaa jiraachuu dubbatan Piroofesar Birhaanuun.Barnoota idilee irraa eegalee hojiilee hedduun hojjetamaa jiru, bu’aan isaa suuta suuta mul’achaa kan dhufu ta’us ammaas jijjjiiramni qabatamaan mul’ataa jira jedhan.Yeroo ammaa Barataa cimaan Yuunivarsiitii seenaa jira, kanneen hafan ammoo leenjii ogummaa akka leenji’an taasisuun dhaloota biyya ijaaruu horachuuf hojjetamaa jiraachuu eeran.Fuuldurattis barattoonni qabxii fooyya’aa akka galmeessan xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuus kaasaniiru.Manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa barnoota akkaadaamiin cinatti leenjii Teeknikaa fi ogummaa akka kennan sirni diriirfamuu dubbatan.Waggoota sadan darban sosochii barnoota dhalootaaf jedhuun qabeenyi maallaqaa fi akaakuun walitti qabamuu himan.Kanaanis hawaasaa fi qooda fudhattootarraa Birriin biiliyooni 100 fi biiliyoona 46 ol walitti qabamuu dubbatan.Kunis sadarkaa manneen barnootaa eeguun qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu kaasan.Waggoota sadan kanneen keessa Manneen barnootaa kuma 17 caalaan haaraan ijaaramuu fi kumni 30 ol ammoo haaromfamuu ibsan Piroofeesar Birhaanuun.Dareen dabalataa hedduun ijaaramuu, sadarkaan manneen barnootaa fooyya’uu,dhiyeessiin meeshaalee barnootaa guddachuu fi manneen qulqullinaa, akkasuma manneen barnootaa dhiyeessii bishaanii gahaa akka qabaatan hojjetamaa turuu fi hojjetamaa jiraachuu dubbatan.Sagantaan nyaata barattootaa eegalamuun qulqullina barnootaa fooyyessuu fi harcaatii barattootaa hir’isuu keessatti gahee olaanaa bahachaa akka jiru kaasan.Adeemsi baruu fi barsiisuu guyyaa kaleessaa guutuu biyyattiitti kan eegale yoo ta’u, bara kana barattoota miiliyoona 26 ol simachuun barsiisuuf hojjetamaa jira.Siifan Magarsaatiin#Oromia #Ethiopia