Finfinnee, Fulbaana 7, 2019(FMC) – Waltajjiin xumuraa konfiransii sadarkaa magaalaa mata duree “waliigalteen waloo nageenya waaraaf” jedhuun Biiroon Nageenyaa fi Tasgabbii magaalaa Finfinnee, Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii magaalaa Finfinnee waliin qopheessan geggeeffamaa jira.Waltajjii dargaggoonni kuma 2 ol itti hirmaatan kana irratti kan argaman hogganaa itti aanaan Biiroo Nageenyaa fi Tasgabbii magaalichaa fi ittigaafatamaan Damee Oppireeshinii Tasfaayee Dandir akka jedhanitti, ayyaanonni dirree guyyoota dhiyootti kabajaman haala miidhageen akka kabajamaniif qindoominaan hojjechuun barbaachisaa dha.Ayyaanonni kunniin dudha aadaa eeganii akka kabajamaniif qaamni hunduu ga’ee isaa ba’uu akk qabus hubachiisaniiru.Itiyoophiyaan biyya ambaalee aadaa fi eenyummaa addaa addaa qabdu ta’uu eeranii, qabeenyawwan hedduun kunniin tumsaan yoo hojiirra oolfaman bu’uura guddina biyyaa akka ta’an kaasaniiru.Nagaan bu’uura misoomaa fi nageenya hawaasummaa ta’uus himanii, hojiin nageenyaa xiyyeeffannaa, tumsa, qindoominaa itti fufaa fi haala naannoo itti dhiyeenyaan hordofuu akka barbaadu dubbataniiru.Ayyaanota dirree kanneen miidhaginaan kabajuuf ga’een dargaggootaa guddaa ta’uu ibsanii, dargaggoonni dudhaalee aadaa eeguun akka hirmaataniif gaafataniiru.Keessumaa ayyaanonni Damaraa Masqalaa fi Ireechaa ibsituu dudhaalee aadaa fi hawaasummaa biyyattii waan ta’aniif, nagaa fi ayaataan akka kabajamaniif hirmaannaan qaamolee hundaa murteessaa ta’uu ibsaniiru.Dudhaalee aadaa fi amantiin alattis gochaawwan ayyaanota kanneen kaayyoo addaaf oolchuu danda’an kamuu ittisuun akka barbaachisus eeraniiru.Dargaggoonni magaalattii qabiyyeewwan nageenyaaf hin oolle miidiyaalee hawaasaanis ta’e maxxansawwan adda addaan akka hin babal’anneef of eeggannoon hordofuu akka barbaachisu cimsanii hubachiisaniiru. Yoonaas Geetinnatiin#Oromia #Ethiopia