Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad fi jilli isaanii yaa’ii hoggantootaa BRICS 18ffaa Fulbaana 2 irraa eegalee gaggeeffamaa ture irratti hirmaachuun ni yaadatama.Oolmaan guyyaa 2ffaa yaa’ichaa Fulbaana 3, 2019 mata-duree “Cichoomina, kalaqa, tumsaafi itti fufiinsa ijaaruu” jedhuun bakka hoggantoonniifi deeggartoonni BRICS akkasumas hoggantoonni dhaabbilee idil-addunyaa garaagaraa argamanitti kan gaggeeffame yoo ta’u gamtichi ibsa Niwu Deelhi ejjennoowwan waloo 140 qabate baasuun xumurameera.Ibsi ejjennoo BRICS Niwu Deelhi fooyyessii bulchinsa idil-adunyaa, nageenya naannawaafi idil-addunyaa, guddina diinagdee waaraa akkasumas dhimmoota gurguddoo walitti hidhamiinsa uummattootaa hammatan irratti ejjennoo waloo biyyoota miseensaa kan calaqqisiise yoo ta’u, tattaaffii Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa ta’uuf taasiftu gamtichi akka deeggaru irra deebiin mirkaneesseera.Mana Maree Dhaabbata Siiviil Aviyeeshinii Idil-addunyaa(ICAO)tti Itiyoophiyaan Afrikaarraa kaadhimamtuu taatee mana marichaatti teessoo dabalataa akka argattuuf tattaaffii godhamu akka deeggaru ibseera.Dabalataanis kaka’umsaafi qophii yaa’ii jijjiirama qabeenya qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii COP 32 qopheessuuf biyyattiin eegalte kan deeggaran ta’uu ibsa waloon mirkaneessaniiru.Gamtichi yaa’iin hooggantootaa BRICS 19ffaan qopheessummaa Chaayinaan akka gaggeeffamus waloon raggaasiseera.Yaa’ichaan cinaatti Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad hoggantoota biyyoota miseensotaafi deeggartootaa waliin tumsa gamlamee biyyoota lameenii irratti mariiwwan bu’aa qabeeyyii ta’an kan gaggeessan yoo ta’u, tumsa dameewwan daldalaafi invastimantiin, Raayyaa Ittisaa fi diijitaalaayizeeshinii irratti mari’ataniiru.Yaa’ichaan booda affeerraa irbaataa hoggantootaaf taasifame irratti Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad hoggantoota biyyoota miseensotaafi deeggartootaa BRICS waliin kan hirmaatan yoo ta’u, yaa’ii guyyoota lamaa hoggantootaa BRICS xumuruun gara biyyaatti deebi’aniiru.#PMOEthiopia