Finfinnee, Fulbaana 4, 2019 (FMC) – BRICS dhimmoota waldhabdee Ameerikaa fi Iraan, Isiraa’eelii fi Filisxeemirratti murtoo dabarseera.Yaa’iin Hoggantoota biyyoota miseensa BRICS guyyoota lamaaf Hinditti gaggeeffamaa ture xumuramuu hordofee dhimmoota waqtaawaa idil addunyaarratti ibsi waloo kennameera.Waraanni daldalaa yeroo ammaa biyyoota tokko tokkotti gaggeeffamaa jiru biyyoota guddinarra jiran kan miidhu ta’uu hoggantoonni kunneen hubachiisaniiru.Damee daldalaan walqabatee sirni gabaa waloo haala qabatamaa tilmaama keessa kan hin galchinee ta’uu fi taarifawwan kaa’amanis balaaleffataniiru.BRICS murtoo fudhataa qofa osoo hin taane murtoo kennaa fi sirreessaa ta’uu ibsa waloo baasaniin hubachiisaniiru.Biyyoonni tokko tokko daballiin taarifaa dhuunfaan taasisan daldala waloo kan miidhu ta’uu ibsichi akeekeera.Waldhabdeen Ameerikaa fi Iraan addunyaa dhiibbaa keessa kan galcheefi dhimmichi biyyoota miseensa BRICS akkaan kan yaaddesse ta’uu eerameera.Iraan miseensa BRICS ta’uu ishee hordofee biyyoonni miseensaa haleellaa Ameerikaan Iraan irratti raawwattu akka balaaleffatan kan gaaffatte yoo ta’u, BRICS garuu dhimmicharratti ejjennoo walabaa qabachuun ifoomeera.Gama biroon waraanni Raashiyaa fi Yuukreen marii fi dippiloomaasiin akka furamu BRICS waamicha kan dhiyeesse yoo ta’u, qoqqoobbii Manni Maree Nageenyaa Raashiyaarra kaa’u garuu balaaleffateera.Haleellaa Isiraa’eel Filisxeemirratti gaggeessaa jirtu, biyyoonni miseensa BRICS sagalee guutuun mormuu isaanii ibsichi kaaseera.Dhimmi Isiraa’eelii fi Filisxem akkaataa waliigaltee daangaa bara 1967 fi furmaata biyyoota lamaaniin akka hiikamu murtoo dabarseera.Dabalataan dhaabbileen Siyaasaa fi Faayinaansii idil addunyaa hojimaata loogirraa bilisa ta’e akka hordofan BRICS yaadachiisera.Yaa’iin BRICS 18ffaan hoggantoota biyyoota 11 hirmaachise kun mata-duree ‘cimina, Kalaqa, Tumsa fi waarummaa Ijaaruu’ jedhuun, Hindi Magaalaa Niwuu Deelhiitti Fulbaana 2 – 3, 2019 taa’amuun ni yaadatama.Miikiyaas Ayyalaatiin#Oromia #Ethiopia