Itiyoophiyaanonni Sa’uud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan kumni 1 fi 861 gara biyyaatti deebi’an

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 5, 2019 (FMC) —Itiyoophiyaanonni Sa’uud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan kumni 1 fi 861 gara biyyaatti deebi’an jedhe Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa.Torban kana keessa balali’iinsa marsaa 10 gaggeeffameen lammiilee gara biyyaatti deebi’an keessaa dubartoonni 485, daa’imman 63 akkasumas dargaggoonni 100 ta’uu ibse.Lammiilee deebi’aniif buufata xiyyaaraa fi wiirtuulee tursiisaa keessatti deeggarsi fi kunuunsi barbaachisaa ta’e kennameefii maatii isaanii waliin akka walitti makaman taasisuuf hojjetamaa jiras jedhame.Lammiilee gara biyyaatti deebisuuf hojii waggaa tokko duraa kaasee hojjetameen hanga ammaatti Itiyoophiyaanonni kumni 100 fi kumni 1 fi 800 gara biyyaatti deebi’uun ibsameera.#Oromia #Ethiopia