Magaalichatti sirni baruu fi barsiisuu bara 2019 eegale

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 5, 2019 (FMC) — Magaalaa Finfinneetti sirni baruu fi barsiisuu bara 2019 har’a eegaleera.Bulchiinsi magaalichaa bara barnootaa kana barattoota miiliyoona 1.3 ol barsiisuuf har’a adeemsi baruu fi barsiisuu ifatti eegaluu Biiroon Barnootaa Magaalaa Finfinnee ibseera.Milkaa’ina barnootaa bara 2018 keessa argame bara kanas caalmaatti cimsuuf kan hojjetamu ta’uu ibsameera.Maatii fi hawaasni barnootaa qabxii fi namuusa barattootaa fooyyessuu keessatti gahee isaanii akka bahatan biiricha waamicha dhiyeessera.Saaraa Siyyuumiin#Oromia #Ethiopia