Finfinnee, Fulbaana 8, 2019(FMC) – Tajajjilli Kominikeeshinii Mootummaa barri darbee waadaawwan seenamanii turan kan itti raawwatamanii dha jedhe.Tajaajilichi ergaa fuula miidiyaa hawasummaa isaa irratti maxxanseen barichi lakkofsa guyyaan alatti kan dubbatamanii turan qabatamaan hojiitti kan ittiin jijjiiraman ta’uu ibseera.Guutuun ergaa isaa akka itti aanutti dhiyaata:Dubbatanii Hojjechuu, Waadaa Galanii Raawwachuu…Waggaan haaraan Itiyoophiyaa baranaa jijjiirma lakkoofsa guyyaa qofa miti; biyyi fuula haaraa bantee seenaa haaraa kan itti hojjettee dha; Filatteetti; mari’atteetti, bayyaannatteetti. Qormaatawwanis gara carraa guddaatti jijjiiramaniiru.Tattaaffii ijoolee ishee gadi jedhanii hojjetaniin gaaddidduun maraammartoo baroota dheeraa lamuu akka hindeebineef dhabamsiifameera. Waggoota jijjiiramaa muraasa darban keessa injifannoowwan waggoota dheeraaf milkeessuu hindandeenye milkeessineerra. Aadaa hojii haaraa Fageessanii yaaduu, karoorsanii raawwachuu fi ariitiin xumuruus ijaarreerra. Kun ibsituu biyya keenyaa fi mootummaa ishee ta’eera.Har’a samii Itiyoophiyaa irratti ifni qabataan ba’eera. Sagaleen dhaala aangoo qawween deggerame jalaa ba’ee “mootummaan kaardii sagalee uummataa qofaan haa hundaa’u” jedhu guutummaa biyyattiitti dhaga’ameera. Uummatni keenya guyyaa aduun, halkan qorraan, dhibeen wa’aansoo walqabaa, kan hinfilatin jedheen walqabaa, kan barbaadu nuttu himeera; biyya dhaabeera; diimokiraasii filateera.Hammattoo Maree Biyyaalessaan ijoolleen biyya sab-daneettii walga’anii waa’ee haadha isaanii galma tokko keessatti mari’ataniiru. Yaadaewwan gaggaarii ni wayya jedhan walabummaan dhiyeessaniiru.Gabaabumatti dachee Itiyoophiyaa irratti gootota ammayyoomaniin injifannoo haaraan galmaa’eera.Dhugaan kun seenaa qaalii abdii ijoollee keenyaa haaressee fi baroota keessatti ittiin boonnee dubbannuu dha.Hin dhaabannu; Hojii hedduutu nu eeggata. Ni ariifanna; gufuuwwan keenya hunda jabaatnee utaalaa, hawwii fi abjuu biyya keenyaa galmaan ga’uuf cichoominaan ni tarkaanfanna.Biyya guddoo qabna; waliin mari’achaa ni ijaarra, ijaaraas waliin mari’anna. Karaan keenya haaraan hundumaa moo’ataa nu taasise kana. Mari’achuu; Mari’achuu; Mari’achuu.Waggoota jijjiiramaa darban keessatti , karaa olaantumaan seeraa naamusa olaanaan ittiin hogganame cinatti, mootummaan keenya ilmaan isaa balleessaa hojjetan araaraan simateera; hidhamtoota siyaasaa hedduu dhiifamaan gadhiiseera.Murteen kun tarkaanfii guddaa biyyoonni hedduun hawwan, Itiyoophiyaan garuu kan milkeessite, tarkaanfii guddaa maraammartoo haalloo cabsee dha.Mootummaan Ida’amuu murteen kun faayidaa waaraa biyya keenyaa mirkaneessuuf gatii qaalii kaffalame ta’uu isaa ni hubata.Dhiifamni utubaa murteessaa mootummaa cimaa ijaaruuf barbaachisuu dha. Murteen kun marii biyyaalessaa waliin walsimuun waliigaltee biyyaalessaa ni cimsa.Lammiileen keenya gadhiifaman beekumsaafi dandeettii isaanii ijaarsa biyyaaf akka oolchan ni amanna. Kunis Itiyoophiyaa boruuf bu’uura cimaa hin raafamne ni kaa’a.Waliigaltee siyaasaa fi hawaasummaa cinaattis, biyya tokko keessatti tasgabbiin siyaasaa kan fooyya’aa dhufu, yeroo milkaa’inni diinagdee cimaa sadarkaa biyyaatti galmaa’uufi uummatni mootummaa irratti amantii cimsatee dha.Itiyoophiyaan kana raawwatteetti.Har’a guddinni diinagdee waliigalaa biyya keenyatti galmaa’aa jiru, Afrikaa keessatti guddina saffisaa, bu’uura bal’aa qabuufi ajaa’ibsiisaa ta’e dha. Dhugaa kana halagaanis baandaanis utuu hinjaal’atin ni fudhata.Mootummaan Ida’amuu biyya birmaddummaa fi kabaja ishee eeggatte, gargaarsa hinkadhanne, biyya ofiin of dandeessu ijaaruuf damee hundaan tattaaffii taasiseera.Milkaa’inni jajjabeessaanis galmaa’eera. Seenaan keenya harka gargaartotaa qamadii eeggachuu xumuramee, seenaa haaraa qamadii bonaatiin of danda’uu irra darbe galmeessineerra. Waggaa waggaan biqiltuuwwan biiliyoona hedduutti lakkaa’aman dhaabuun, galmee haaraa galmeessine irra deddeebiin fooyyeessineerra; Eegumsa naannoonis tumsa idil-addunyaa keessatti fakkeenya taanee jirra.Milkaa’inni kun biyya biraatti kan galmaa’ee utuu ta’ee, bay’ee ol ka’ee himamaa ture. Nuti garuu injifannoo irra dedeebiin kan mi’eeffanne ilman goototaa ti .Mul’anni keenya fagoo dha; karaan keenya immoo Ida’amuu dha. Yeroo walitti ida’amne bu’aa arganneerra; yeroo walitti qabamne jabaanneerra.Albuudota Biyyoota biroo keessatti idea walitti bu’iinsaa ta’an, nuti ammo mmindaa biyyaa, abdii biyyaa taasifanneerra.Pirojektoota humna haaromfamaa keenayyaan naannicha walitti hiineerra; misooma koriidariin bifa magaalota keenyaa jijjiirreerra. Turizimii konfiransii babal’ifneerra; iddoowwan hawwata turizimii haaraa ijaarreerra.Hambaalee seenaa keenyaas biyyoo irraa urgufnee gara egereetti ceesisneerra.Dhaloota dhufuuf yaaduun, Tarsiimoo Dijitaalaa 2030 hojiirra oolchaa jirra. Sirna hojii mootummaa ifaafi saffisaa taasisuufis bu’uurri kaa’ameera.Hundaa ol, imaammata alaa biyya keenya dadhabsiisu irraa of baasnee, faayidaa biyyaalessaa keenyaaf cichoominaan dhaabbanneerra; waltajjii addunyaa irrattis waan nuuf malu gaafanneerra.Mootummaa ijaaraa jirru yaadama Ida’amuu irratti kan hundaa’e dha; xiyyeeffannaan isaas dhaabbilee cimaa ijaaruu irratti. Dhaabbileen haqaa, nageenyaa fi dimokiraasii keenya bu’uura cimaa horataniiru.Hojii mudhii hidhannee gadi jennee hojjenneen ol jennee deemuu jalqabneerra. Har’a dandeettiiwwan dhaabbatummaa biyya baatan, yeroo dhufuu abuurratanii fi jijjiirama sirnaarra ce’an uumamaniiru.Waggoota muraasa darban keessatti mootummaa jijjiiramaa mallattoo addaa tokko mul’iseera; pirojektoota ni jalqaba, xumurees ni eebbisa. Kun dhugaa afaan uummata keenyaa keessatti irra deddeebi’amee dubbatamuufi ragaa mul’ataa dha.Warshaaleen cufamanii turan banamaniiru; dhaabbileen waggoota dheeraaf fakkeenya kasaaraa turan gara bu’aa argamsiisuutti ce’aniiru. Invastimantii, al-ergii fi oomisha bakka bu’aa alaa keessatti jijjiirama guddaa galmeessineerra.Kana caalaatti, guyyaa itti Hidha Guddicha Haaromsa Guddicha xumurre irraa kaasee, pirojektoota megaa haaraa, gatii doolaara biiliyoona 30 ol qaban, akkasumas carraa egeree Itiyoophiyaa murteessan uummata keenyaaf labsineerra.Wabii anniisaa mirkaneessuuf giddugala niwukilaraa ijaaruuf waliigaltee haaraan mallattaa’ee, hojii jalqabameera. Naannoo Somaalee keessatti qabeenya uumamaa Itiyoophiyaa jiru ifa baasneerra. Pirojektoonni qulqulleessa gaazii uumamaa halkanii guyyaa hojjetamaa jiru.Buufanni Xiyyaaraa Bishooftuu waggaatti imaltoota miliyoona 100 keessummeessu, gonfoo aviyeeshinii Afrikaa nu gonfachiisee samii irratti nu moosisa.Warshaan xaa’oo waggaatti doolaara biiliyoona tokko ol qusatu, oomishtummaa qonnaa mirkaneessuun qonnaan bultoota keenyaaf boqonnaa ta’a. Abdii keenya guddaadhas.Misoomni manneen jireenyaa miliyoona 1.5 jireenya namoota hedduu jijjiiruuf dhaabbilee idil-addunyaa waliin ta’uun hojii isaa jalqabameera.Ni milkeessina!Waan dubbatan gochuu, waan waadaa galan raawwachuun, bu’uuraalee ciccimoo mootummaa Ida’amuun dhaloota itti aanuuf kaa’amanii dha.