Finfinnee, Fulbaana 8, 2019 (FMC) – Taphoonni torbee 5ffaa Piriimeer Liigii Ingilaandi tapha har’a Bireentifoordi – Cheelsii keessummeessun eegalamu.Bireentifoordi har’a halkan sa’aatii 4:00 eegalee Cheelsii waliin taphata.Boru waaree booda sa’aatii 8:30 jalqabee taphoota arfan darbanirraa qabxii 2 qofa kan argate Tootenhaam , taphoota arfan darbanirraa qabxii 1 qofa kan argate Astoon Viilaa keessummeessa.Tootenhaam sadarkaa 17ffaa fi Astoon Viilaan ammoo 19ffaa irra jira.Sa’aatii 11:00 irraa jalqabee bara kana ga’umsa gaarii mul’isaa kan jiru Biraayitan dursaa liigichaa Arsenaal waliin morkiin taasisu ni eegama.Sa’aatuma walfakkaatuutti Eevartan – Ipisiwiich Taawoon, Niwuukaasiil – Haal Siitii waliin taphatu.Galgala sa’aatii 1:30 eegalee Notiingahaam Forest taphoota arfan darbaniin galchii tokkooyyuu kan hin galchine, akkasuma qabxii kan hin arganne Kooventarii Siitii waliin falmata.Dilbata waaree booda sa’aatii 10:00 jalqabee Boornimaawuuz- Liiverpuul, Liidis Yuunaayitiid – Kiristaal Paalaas, akkasuma Maanchiister Siitiin – Sandarlaandi waliin taphatu.Galgala sa’aatii 12:30 eegalee Fuulhaam – Maanchiister Yuunaayitiid waliin morkata.#Oromia #Ethiopia