Hidhattoonni garee seeraan alaa ABUT 300 ta’an Ajaja Kaaba Lixaatti harka kennatan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 8, 2019 (FMC) — Qophii waraanaa gareen nagaa hinjaallane ABUT gochaa jiru jibbuu fi garicha waliin waraanuu baqachuun hidhattoonni garichaa 300 ta’an Raayyaa Ittisaa karaa Takkazeen jiru Ajaja Kaaba Dhihaatti harka kennataniiru.Loltoonni ABUT Adda Dhihaa kallattii Takkazeenbakka addaa riqicha Takkazee bitaa fi mirgaan raayyaa ittisaa ajaja Dhihaatti harka kennatan kunniin, diina uummata Itiyoophiyaa kan ta’e fi Shaabiyaa waliin qindoomina “Tsimdoo” jedhamu uuman uummata Tigraayif kan hinfayyadnee fi kan miidhu ta’uu hubachuun, hariiroo dursaanii Raayyaa ittisaa naannawichatti argamu waliin uumaniin waliin dubbatanii haala miijessuun harka kennachuu akka danda’an dubbataniiru. Gaaffiin uummata Tigraay kan hiikamu waliin dubbachuu fi waliigalteen malee qawween akka hintaane amanuun Raayyaa Ittisaatti harka kennachuuf murteessuus ibsaniiru.Hidhattoonni kunniin meeshaalee dhuunfaa fi garee 280 0l, dhukaa’aawwan gosa adda addaa, agarsiistuu dirree waraanaa fi ragaalee adda addaa qabatanii galuu isaaniis Ajajichi beeksiseera.#Oromia #Ethiopia