Finfinnee, Fulbaana 7, 2019(FMC)- Gaaffii ulaa galaanaa Itiyoophiyaa mirkaneessuun faayidaa biyyaalessaa eegsisuu fi birmadummaa diinagdee mirkaneessuudha jedhan Gorsaan Dhimma Dargaggootaafi Ispoortii Ministira Muummee Obbo Qajeelaa Mardaasaan.Mariin paanaalii Akkaadaamiin Hoggansaa Finfinnee laga Abbayyaa fi ulaa galaanaa irratti qopheesse gaggeeffamaa jira.Obbo Qajeelaan wayita kana ulaan galaanaa diinagdee, tasgabbii, dhiyeessii humnaa fi walitti hidhamiinsa daldalaa Itiyoophiyaa waliin hidhata qabaachuu ibsaniiru.Galaanni Diimaan sararoota daldalaa idil-addunyaa waliin hidhata qabaachuu kaasanii, waliin gahiinsa daldalaa, dandeettii loojistiksii, dorgomtummaa diinagdee fi tasgabbii Itiyoophiyaaf qooda olaanaa qabaachuu kaasaniiru.Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaas dhimma faayidaa biyyaalessaa eegsisuu akkasumas birmadummaa diinagdeefi nageenya naannawaa mirkaneessuu akka ta’e eeraniiru.Pireezidaantiin Akkaadaamichaa Dooktar Xaasoo Gabree gamasaaniin, qorannoowwan ulaa galaanaa irratti hojjetaman faayidaa biyyaalessaa mirkaneessuuf gahee olaanaa qabaachuu ibsaniiru.Gaaffii ulaa galaanaa Itiyoophiyaa deebisuuf hayyoonni qorannoo gaggeessuun gahee isaanii bahachuu akka qaban hubachiisanii, argannoowwan qorannoo gara imaammataatti jijjiiramuun faayidaa biyyaalessaa mirkaneessuuf ooluu qabus jedhaniiru.Itiyoophiyaan sababoota seenaa, haala teessuma lafaafi dhimmoota walfakkaatan biroon Galaana Diimaa fayyadamuuf mirga akka qabdu kan ibsan ammoo Ambaasaaddar Diinaa Muftiidha.Dhimmi Galaana Diimaa ajandaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa ta’uus kaasaniiru.Qiddist Abaataatu gabaase.