Jilli dargaggoota Itiyoophiyaa feestivaala idil addunyaarratti aadaa Itiyoophiyaa beeksise

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 6, 2019 (FMC) – Jilli dargaggoota Itiyoophiyaa feestivaala dargaggoota idil addunyaa Raashiyaatti gaggeeffamaa jirurratti qabeenya aadaa Itiyoophiyaa haala hawwataa ta’een beeksiseera.Jilli dargaggoota Itiyoophiyaa, Feestivaala Dargaggoota Addunyaa Raashiyaatti gaggeeffamaa jiru irratti qabeenya aadaa miidhagaa, hambaa seenaa, iddoowwan hawwata turizimii fi mallattoolee eenyummaa biyyaalessaa addaa ta’an hawaasa idil-addunyaa biratti sirnaan beeksisaniiru.Dargaggoonni kunneen waltajjii addunyaa guddaa kana irratti dargaggoota kutaalee addunyaa gara garaa irraa dhufan waliin hariiroo cimaa uumuun, seenaa Itiyoophiyaa, aadaa keessummaa simachuu fi iddoowwan hawwata turizimii biyyattii sirriitti beeksisuun hojii dipilomaasii ummataa fi ummataa bu’a qabeessa ta’e hojjetaniiru.#Oromia #Ethiopia