Finfinnee, Fulbaana 9, 2019 (FMC) — Sagantaa torbee 5ffaa Piriimeer Liigii Ingiliziin har’a taphoonni 5 ni taphatamu.Sagantaa guyyaa har’aan jalqaba irratti Tootenhaam Hootspur fi Aaston Viilaan waliin taphatu.Kilaboonni lamaan injifannoo jalqabaa argachuuf, sa’aatii 8:30 irraa eegalee Istaadiyeemii Tootenhaam irratti wal morkatu. Tapha biraatiin, taphoota liigichaa afran darban hunda kan mo’ate Arsenaal, gara Istaadiyeemii Aameeksiitti imaluun sa’aatii 11:00 irratti Biraayitan waliin ni taphata.Gareewwan lamaan taphoota liigichaa keessatti yeroo 5 walitti dhufuun, Arsenaal taphoota 4 kan mo’atan yoo ta’u, tapha hafemmoo walqixa ba’aniiru.Ippiswiich Taawun fi Iivertan, akkasumas Niiwkaasilii Yunaayitid fi Haal Siitiin, yeroo walfakkaataa sa’aatii 11:00 irratti kan taphatan yoo ta’u; galgala sa’aatii 1:30 irratti ammoo Nootingaam Foorest fi Koveentrii Siitii waliin taphatu.#Oromia #Ethiopia