Ijipti qabeenya bishaanii olaanaa qabaattus,biyya bulchiinsa bishaanii dadhabaa hordoftu– Obbo Getaachoo Raddaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 9, 2019 (FMC) – Ijipti qabeenya bishaanii olaanaa qabaattus, biyya bulchiinsa bishaanii akkaan dadhabaa ta’e hordoftu jedhan Gorsaan Dhimmoota Baha Afrikaa Ministira Muummee Obbo Getaachoo Raddaan.Ijipti ilaalcha duubatti hafaa Abbayyaan kiyya qofa jedhu hordofti jedhan obbo Getaachoon turtii ‘Pulse of Africa’ waliin taasisaniin.Kunis ejjennoo dogoggoraa fi haqa qabeessa hin taane ta’uu fi goonkuma fudhatama hin qabneedha jedhan.Adeemsa dogoggoraa fedhii qaama tokkoo qofa bu’uura godhate kan hordoftu ta’uu eeran.Ijipti addunyaarratti biyya bulchiinsa bishaanii akkaan dadhabaa hordoftu, fayyadama bishaanii qisaasamaan guutume hojiirra oolchituudha jedhan.Biyya madda laga abbayyaa taate Itiyoophiyaa fi biyya dandeettii jallisii olaanaa qabdu Sudaan gidduutti nagaan akka hin buune Ijipti hojjetaa turuu eeruun, gaagamni Sudaan yeroo ammaa keessa jirtu shira Ijipti ta’uu kaasan.Biyyattiin adeemsa yeroon irra darbe kana dhiiftee dhugaa qabatamaa jiru waliin araaramuu akka qabdu hubachiisuu ENA’n gabaaseera.#Oromia #Ethiopia