Manneen barnootaa bultii addaa bakka lammiileen biyya ijaaran itti uumaman akka ta’aniif hojjetamaa jira– Pirofeesar Birhaanuu Naggaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 5, 2019 (FMC) — Manneen barnootaa bultii addaa a mootummaa federaalaa, lammiileen dameewwan garaagaraa keessatti biyya ijaaran bakka itti horataman akka ta’aniif hojjetamaa jiru jedhan Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa.Ministeerri Barnootaa barsiisota manneen barnootaa bultii addaa mootummaa federaalaatti haaraa ramadaman waliin marii gaggeesseera.Pirofeesar Birhaanuun, manneen barnootaa addaa kunneen bakka lammiilee gara fuulduraatti biyya hogganan gama hundaan itti horataman akka ta’an ibsaniiru.Manneen barnootaa kunneen bakka lammiileen Itiyoophiyaa boruu teeknooloojii, saayinsii, siyaasaa, falaasamaa fi dameewwan biroon ijaaran fi biyya jaal’atan itti horataman akka ta’an amantaa qaban ibsaniiru.Hunda isaanii walqixa tajaajiluun, lammiilee biyya rakkoo keessaa baasuu danda’an kan horatan akka ta’aniif hojjetamaa jiraachuu ibsuu isaanii odeeffannoon Ministeerichaa ni mul’isa.Barattoonni manneen barnootaa kanneen keessatti baratan kutaalee Itiyoophiyaa hunda irraa kan walitti dhufan yoo ta’an, barsiisonnis naannolee garaagaraa irraa dandeettii isaaniin kan filataman ta’uu ibsaniiru.Addunyaa saffisaan jijjiiramaa jirtu keessatti biyya hirkattummaa irraa bilisa taate ijaaruun akka barbaachisu eeranii, barsiisoti manneen barnootaa bultii addaa kanneenitti ramadaman  beekumsa barbaachisaa dabarsuu fi naamusaan barattoota ijaaruu keessatti itti gaafatamummaa akka qaban hubachiisaniiru.#Oromia #Ethiopia