Itiyoophiyaa vs Taanzaaniyaa…

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 9, 2019 (FMC) – Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa umrii waggaa 20 gadii har’a gita isaa Taanzaaniyaa waliin taphata.Tapha gulaallii waancaa Seekaafaa umrii waggaa 20 gadii qopheessummaa Taanzaaniyaan gaggeeffamaa jiruun gareen Biyyaalessa Itiyoophiyaa gara walakkaa xumuraatti darbuuf morkiin Taanzaaniyaa waliin taasisu ni eegama.Tapha baniinsaa Ruwaandaa waliin taphateen galchii malee qixa kan xumure Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Itiyoophiyaa Umrii waggaa 20 gadii marsaa itti aanutti darbuuf har’a qabxii 3 argachuutu irraa eegama.Taphni eegamu kun har’a galgala sa’aatii 1:00 jalqabee Daaree Saalaam Istaadiyeemii Uhuuruutti taphatama.#Oromia #Ethiopia