Guddina Tuurizimii Itiyoophiyaa…

Wait 5 sec.

Dameen Tuurizimii Itiyoophiyaa guddina olaanaa agarsiisuun, sosochii diinagdee biyyattii keessatti damee murteessaa ta’eera.Yaadama Mootummaa Ida’amuutiin xiyyeeffannoon damee Tuurizimiitiif kennameen damichi sadarkaa olaanaan guddachaa dhufeera.Kanaanis badhaadhina biyyattii mirkaneessuuf utubaa diinagdee olaanaa ta’eera.Mootummaan xiyyeeffannoo damichaaf kenneen isheetiivii haaraa misooma paarkiiwwanii fi Ikkoo tuurizimiif bocuun hojiirra oolchuun qabeenya Dilbii tuurizimii jiru hojiin beekuu, qorachuu fi misoomsuu hojjetamaa jira.Bakkeewwan gahuumsa tuurizimii ogummaa saayinsaawaan masakuun iddoo gahuumsaa turiizimii filatamtuu akka taatuuf xiyyeeffannoon kennameefira.Bu’uuraalee misoomaa bakkeewwan hawwata tuurizimiif guutuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.Kunis daawwattoota biyya keessaa fi alaa hawwachuun galii fi carraa hojii daraan guddisaa jira.Yeroo ammaas Tuurizimiin bifa haaraa ijaaruun damee diinagdee damdaneessaa ta’eera.Kennaawwan uumamaa, Aadaa fi seenaawwan gara diinagdeetti jijjiiruun faayidaa biyyaalessaaf oolchuun eegalameera.Qooda fudhattootaa fi hawaasa hirmachiisuun hojiin bu’uuraalee misoomaa guutuu raawwatamaa jira.Yaadama Ida’amuun Finfinnee giddugala Dippiloomaasii taasisuurra darbee bakka ga’umsa Tuuriztootaa taasisuun danda’ameera.Pirojektonni Maaddiin Biyyaaf akka biyyaatti ijaaraman kanneen akka Ikkoo Tuurizimii Haroo Wancii, Gorgoraa, Cabaraa Curcuraa fi kanneen biroo midhagina bakkichi qabuutti sona dabaaluun hojiin hawwatummaa isaanii guddisuu hojjetameera.Bakkeewwan tuurizimii kunneen dandeettii hawwatummaa tuurizimii biyyattii guddisuuf gumaacha olaanaa taasisaa jiru.‎Fayyadamummaa damee tuurizimii gama hundaan mirkaneessuuf hojiin fakkeenyummaa qabu hojjetamaniiru.Sagantaalee Maaddiin Shaggariif, Maaddiin Biyyaaf akkasumas Maaddiin Dhalootaaf jedhaman beeksisuun iddoowwan gahumsa tuurizimii buleeyyii ammayyeessuun fi haaraa ijaaruun qooda dameen tuurizimii diinagdee biyyaa keessatti qabu guddisuun danda’ameera.#Oromia #Ethiopia