Faransaayitti ho’a cimaa mudateen lubbuun namoota kuma 2 olii darbe

Wait 5 sec.

Finfinnee,Waxabajjii 26, 2018 (FMC) –Faransaayitti ho’a cimaa yeroo ammaa mudateen lubbuun namoota kuma 2 olii darbuu gabaafame.Hammi namoota sababa ho’a mudateen du’anii isa torbee darbeerra % 29 dabaluu Ministirri Ministeera Fayyaa Faransaay Isteefan Riisti himaniiru.Akka ibsa ministirichaatti torbee darbe hamma ho’aa digirii seentigireedii 40 ture.Yeroo ammaas kutaalee biyyattii hedduutti hammi ho’aa dabalaa jiraachuu kaasan.Akka gabaasni haala qilleensaa BBC mul’isutti, kutaalee biyyattii hedduutti hammi ho’aa torbee itti aanus dabaluu danda’a.Immabeet Siyaayiin#Oromia #Ethiopia