Dooktar Abiy Ahimad adeemsa ijaarsa daandii Caannoo – Cancaa daawwatan

Wait 5 sec.

Finfinnee,Waxabajjii 26, 2018 (FMC) –Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad adeemsa ijaarsa daandii Caannoo – Cancaa daawwataniiru.Daandii Caannoo – Cancaa Kiiloomeetira 22 fi daandii damee Eezzoo Gircaa kan hammate Piroojektii kiiloomeetira 29 dheeratu raawwiin isaa gaarii yoo ta’u, Kiiloomeetirri 13.3 xumurameera jedhan Dooktar Abiy.Ijaarsi daandichaa guutummaatti wayita xumurame walitti hidhamiinsa hawaasaa caalmaatti cimsu, imala daldalaa kan si’eessuu fi misooma diinagdee naannawichaa kan saffisiisu ta’uu eeran.Dooktar Abiy Loojii Doorzees daawwachuu kaasan.Loojiin lafa Kaaree meetira kuma 40 uwwise kun teessuma lafaa dinqisiisaa ta’e irratti jiru kun harawwan Abbayyaa fi Caamoo, akkasuma riqicha ‘Egzeera’ jedhamee waamamu uumama raajii caalmaatti kan mul’isu ta’uu himan.Lammiileen Itiyoophiyaa biyya keessaa fi alaa, akkasuma daawwattoonni guutuu addunyaarratti argaman bakkeewwan hawwataa fi miidhagaa kana akka daawwatan waamicha koon dhiyeessa jedhan.‎#Oromia #Ethiopia