Niiwkaasil Yunaayitidii fi Boornimaawuz qixa ba’an

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 30, 2018 (FMC) – Tapha torbee 3ffaa Piriimer Liigii Ingilaandiin Niiwkaasil Yunaayitidii fi Boornimaawuz galchii 2-2’n walqixa xumuraniiru.Tapha har’a sa’aatii 8:30 irratti gaggeeffameen Niiwkaasil Yunaayitidiif Baarnsii fi Raamzii galchiiwwan lakkoofsisaniiru.Taaverniirii fi Tiyaawuu(ofirratti) Boornimaawuziif lakkoofsisaniiru.Sagantaan taphichaa itti fufuun sa’aatii 11:00tti Maanchistar Siitii fi Koveentirii Siitii, Bireentfoordii fi Saandarlaand, Biraayitanii fi Liids Yunaayitid akkasumas Fulhaamii fi Kiristaal Paalaas waliin morkatu.Galgala sa’aatii 1:30tti ammoo Haal Siitii fi Astoon Viilaan kan waliin taphatan ta’a.#Oromia #Ethiopia