Finfinnee, Hagayya 30, 2018 (FMC) – Itiyoo Telekoom itti-gaafatamummaa hawaasummaa isaa bahuuf hojiiwwan tola ooltummaa hojjetu cimsee akka itti fufu Hojii Raawwachiistuu Olaantuun dhaabbatichaa Firehiywat Taammiruu ibsan.Itiyoo Telekoom Dhaabbata Tola Ooltummaa “Sila Innaat” jedhamuf deeggarsa maallaqaa birrii miiliyoona 2.2 fi Mana Barumsaa idileen duraa fi Sadarkaa 1ffaa Wuhidat’f meeshaalee barnootaa deeggarsaan kenneera.Hojii Raawwachiistuun Olaantuun akka ibsanitti, dhaabbatichi hojii idilee isaa cinaatti ba’aa diinagdee hawaasaa hir’isuuf itti-gaafatamummaa hawaasummaa isaa bahaa jira.Itiyoo Telekoom dhaabbilee tola ooltummaa 50 ol waliin ta’uun hojjechaa, lammiilee kuma 22 ol fayyadamaa taasisaa jiraachuu ibsaniiru.Dabalataanis, sadarkaa biyyaalessaatti deeggarsi birrii miiliyoona 75 ol ga’u kan taasifamaa jiru ta’uu Hojii ibsaniiru.Hogganaan Olaanaa Dhaabbata Tola Ooltummaa “Sila Innaat”, Yaared Abduu, gama isaaniin Itiyoo Telekoom waggoota shanan darban keessa itti fufiinsaan deeggarsa taasisaa tureef galateeffataniiru.Hojii tola ooltummaa bara kanaanis sadarkaa biyyaalessaatti barattoota kuma 100 ol fayyaduuf meeshaaleen barnootaa miiliyoona 1.2 ol ta’an raabsamuu eeraniiru.Hundeessaa fi Hojii Raawwachiisaa Olaanaan mana barumsichaa Dooktar Abbabaa Yehuwaalaawarqi gama isaaniin, Itiyoo Telekoom deeggarsa mana barumsichaaf kenneef galateeffataniiru.Dhaabbileen biroonis fakkeenya Itiyoo Telekoom hordofuun itti-gaafatamummaa hawaasummaa isaanii akka bahan waamicha dhiyeessuu isaanii TOI gabaaseera.#Oromia #Ethiopia