Meeshaaleen koontiroobaandii Birrii miiliyoona 500 fi miiliyoona 51 ol to’ataman

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 30, 2018(FMC)- Torban tokko keessatti meeshaaleen koontiroobaandii Birrii miiliyoona 500 fi miiliyoona 51 fi kuma 500 olitti tilmaamaman to’atamaniiru jedhe Komishiniin Gumruukaa.Hordoffii Hagayya 21-27, 2018’tti taasifameen meeshaaleen kontiroobaandii alaa galan Birrii miiliyoona 400 fi miiliyoona 70 fi kuma 500 akkasumas meeshaaleen al-ergii Birrii miiliyoona 81’tti tilmaamaman to’atamuu ibseera.Meeshaaleen kunneenis oomishaale qonnaa, uffata, meeshaalee elektirooniksii, jijjiirraa qaama konkolaattotaa, meeshaalee faayaa, jimaa, baala sammuu namaa hadoochu, qorichoota, albuudota, boba’aa, beelladootaafi maallaqa biyyoota garaagaraa ta’uu eereera.Meeshaaleen kunneen qindoomina hojjettoota komishinichaa, poolisii federaalaafi hawaasaan ta’atamuu eeruun, shakkamtoonni meeshaalee kanneen daddabarsaa turan 26 fi konkolaattonni 10 to’atamuus ibseera.Hojii to’annoo kontiroobaandii bu’aa qabeessa taasisuuf qaamoleen qooda fudhattootaa fi hawaasni hundi gahee isaanii akka bahatan komishinichi waamicha dhiyeesseera.#Oromia #Ethiopia