Finfinnee, Qaammee 1, 2018 (FMC) — Yeroo madaalliin humna addunyaa saffisaan jijjiiramaa jirutti, faayidaa biyyaalessaa eeguu fi kabaja biyya tokkoo osoo hin laaffisin hariiroo idil-addunyaa gaggeessuun qormaata guddaa dippiloomaasii ammayyaa ta’ee itti fufeera.Haaluma kanaan, imaammanni alaa Itiyoophiyaa biyyoota addunyaa humna qaban fi dorgomaa ta’an waliin hariiroo isaa bu’aa waloo waliif kennuu fi waliirraa fudhachuu irratti hundaa’uun, madaallii isaa eeggatee gaggeessaa jira. Kunis boqonnaa haaraa dippiloomaasii Itiyoophiyaa keessatti banamaa jiru agarsiisa.Qorataan olaanaa Ministeera Dhimma Alaa, Yohaannis Gabayyahu akka ibsanitti, adeemsa dippiloomaasii ammayyaa keessatti of ofi sossobuufi sodaan bakka hin qaban.Biyyi tokko fedhii fi faayidaa biyyaalessaa isaa ifatti adda baasee, biyyoota michoota isaatiif ibsuu yoo dadhabe, waan barbaadu argachuu akka hin dandeenye eeranii, of beekuu fi fedhii ofii ifatti ibsuun milkaa’inaaf murteessaa ta’uu ibsaniiru.Imaammanni alaa Itiyoophiyaa waggoota shanan darban keessatti mul’ate, Itiyoophiyaan Afrikaa Bahaa fi waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti hordoftuu ta’uu irraa ce’uun, kallattii ishee ofiin murteessituu fi qaama sochiiwwan idil-addunyaa keessatti dammaqinaan hirmaattu ta’uu mirkaneesseera.Rakkoolee siyaasaa naannichatti uumaman furuuf, karaa IGAD fi Gamtaa Afrikaa tattaaffiiwwan taasifaman hirmaannaan Itiyoophiyaa qaama ijoo naannichaa ta’uu mirkaneessa.Xiinxalaan siyaasaa fi barsiisaan, Dooktar Geetiyyee Tirfee akka ibsanitti, tasgabbii fi nageenyi Gaanfa Afrikaa kallattiin cimina Itiyoophiyaa waliin walqabata.Biyyoonni ollaa yeroo rakkoo siyaasaa fi tasgabbii dhabuu keessa seenan illee, Itiyoophiyaan tasgabbii naannichaa fi ijaarsa dhaabbilee idil-addunyaa keessatti gahee dursaa taphachaa turteetti; har’as itti gaafatamummaa olaanaa qabdi jedhaniiru.Kallattii dippiloomaasii haaraan kun Itiyoophiyaan kabaji biyyaalessaa ishee osoo hin sarbamin, qaamolee garaagaraa waliin walqixaitti dhiyaachuu akka dandeessu taasiseera.Qorataan Inistiitiyuutii Dhimma Alaa, Addisuu Alamaayyoo, milkaa’ina guddaa adeemsa kanaa keessaa tokko Itiyoophiyaan miseensa BRICS ta’uu ishee akka ta’e ibsaniiru.Akka isaan jedhanitti, yeroo biyyoonni BRICS maal ta’an jedhamee tilmaamni taasifamaa turetti, Itiyoophiyaan miseensa ta’uuf akka dandeessu miidiyaaleen idil-addunyaa hedduun hin eegne ture.Haa ta’u malee, miseensummaan ishee erga mirkanaa’ee booda, dhimma Itiyoophiyaa irratti xiyyeeffannoon miidiyaalee idil-addunyaa, biyyoota akka Iraan, Arabaa Sawudii fi Arjantiinaa caalaa, olaanaa ta’uu danda’eera.Miseensa BRICS ta’uun Itiyoophiyaa, hoggantooti fi ministirooti dhimma alaa biyyoota Lixaa irraa dhufan hariiroo isaanii haaromsuu fi Itiyoophiyaa diinagdeen deeggaruuf gara Finfinnee akka dhufan taasiseera.Daawwannaan irra deddeebiin hooggantoota olaanoo hojii Ameerikaa, Gamtaa Awurooppaa, Chaayinaa, Faransaay, Jarmanii fi Singaapoor irraa dhufanii, ulfaatina dippiloomaasii Itiyoophiyaa akka agarsiisu Yohaannis Gabayyahu eeraniiru.Milkaa’ina siyaasaa bira darbee, diiploomaasiin diinagdee Itiyoophiyaa jijjiirama guddaa fiduu isaa hayyoonni ibsaniiru. Deeggarsa dhaabbilee akka Baankii Addunyaa fi IMF irraa argachuun danda’ameenis hojii dippiloomaasii cimaa taasifameen akka ta’e eeraniiru.Akkasumas, Dhaabbanni Nyaataa fi Qonnaa Mootummoota Gamtoomanii (FAO) badhaasa meedaaliyaa Agricola kennuun isaa, misooma qamadii fi hojii Maaddii Guutuu keessatti milkaa’ina Itiyoophiyaan galmeessite agarsiisa.Itiyoophiyaan daangaa yaad-rimee fi ilaalcha cufaa keessaa baatee, humnoota idil-addunyaa waliin walqixxummaa fi faayidaa waloo irratti hundaa’uun hariiroo ijaaruun, gahee dursummaa dippiloomaasii ishee deebitee cimsachaa jirti.Yoonaas Geetinnatiin#Oromia #Ethiopia