Itiyoophiyaan mul’ata badhaadhinaa ishee bu’uura cimaarratti ijaaraa jirti- TKM

Wait 5 sec.

Finfinnee, Qaammee 2, 2018(FMC)- Itiyoophiyaan mul’ata badhaadhinaa ishee bu’uura cimaarratti ijaaraa jirti jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.Tajaajilichi guyyaa Olka’iinsaa sababeeffachuun ibsa baaseen, Itiyoophiyaan imaammatawwaniifi karoora mootummaa Ida’amuun hogganamaa badhaadhina hunda galeessaaf kutannoon hojjechaa jiraachuu ibseera.Rakkoolee baroottan keessa ishee mudatan dandeettii ida’ameen ce’aa, rakkooleefi qormaatilee gara carraatti jijjiiruun egeree ishee bu’uura cimaarratti ijaaraa jirti jedhe.Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Alaabaa biyyattii daangaa hanga daangaatti waggoottaniif mirmirsaa ture egeree isaa ilaalacha keessa galchuun bu’uuraalee misoomaa akka Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu fi jijjiirama hundagaleessa keessa darbaa jiraachuu ibseera.Iddoowwan gahumsa tuurizimii buleeyyii fi haaraan misoomaa jiraachuufi waliingahiinsi isaaniis guddachaa akka jiru kaaseera.Qonni hirkattummaa roobaa jalaa bahaa jiraachuufi jirattota magaalaafi baadiyyaaf carraa hojii uumaa akka jiru ibseera.Filmaatawwan anniisaa haaromfamaa bishaan, qilleensa, aduu, hurka lafa jalaafi niwukilara irraa maddisiisuuf mootummaan Ida’amuu halkaniifi guyyaa hojjechaa jiraachuu eereera.Bifni magaalota biyyattii dullooman haaromfamaafi egeree waliin kan walsiman ta’aa, bu’uuraaleen misoomaa babal’achaa, dandeettiin geejjibaafi loojistiksii cimaa dhufuu ibseera.Dandeettiin biyyattii giddugala anniisaa haaromfamaa naannawichaa ta’uuf qabdu guddachaa dhufuu fi qabeenya albuudaa ishees sadarkaa olaanaan faayidaarra oolchuun badhaadhina hunda galeessa dhaloota egereef hojjechaa akka jirtu kaaseera.Olka’iinsa Itiyoophiyaa kan labsan fi guddina ishee saffisiisan bu’uura cimaa irratti ijaaramaa jirus jedhe.Itiyoophiyaanonnis sirnicha cimsuufi fedhii isaanii dhugoomsuuf kutannoo qaban hirmaannaa waamichawwan mootummaa irratti taasisaniin agarsiisaa akka jiran ibseera.Filannoo Waliigalaa 7ffaa irratti qormaatilee dandamachuun sagalee kennuun fi bu’aa isaa gammachuun fudhachuun, hirmaannaafi milkaa’inni Ashaaraa Magariisaa irratti wagga waggaan guddachaa dhufe, garaagarummaa yaadaa karaa nagaan furuuf marii biyyaalessaa filachuun isaanii abdii Itiyoophiyaanonni mul’ata mootummaa Ida’amuu irratti qaban kan agarsiisu ta’uu Tajaajilichi ibsa isaan eereera.Sirna diimokiraasii cimsuun, diinagdee damdaneessa hordofuun, haala jireenyaa ammayyaa magaalotaa baadiyyaatti madaqsuun, dhiyeessii anniisaa haaromfamaa fooyyessuun, bu’uuraalee misoomaa geejjibaa ammayyeessuun fi babal’isuun badhaadhina hunda galeessa Itiyoophiyaaf bu’uura kaa’aa jiraachuu ibseera.Kanaaf Qaammee 2 “Guyyaa Olka’iinsaa” jechuun kabajamaa kan jirruuf jedheera.#Oromia #Ethiopia