Magaalaa Jimmaatti Qaammeen 1 Guyyaan oomishtummaa kabajamaa jira

Wait 5 sec.

Finfinnee, Qaammee 1, 2018 (FMC) – Bulchiinsa Magaalaa Jimmaatti Qaammeen 1 Guyyaan Oomishtummaa mata duree “Oomishtummaan Bu’uura Birmadummaati!” jedhuun sagantaawwan garagaraatiin kabajamaa jira.Hojiiwwan gama hundaan oomishtummaa biyyaa dabaluuf hojjetaman Itiyoophiyaa gara olka’insatti ceesisaa jira jedhan Kantibaan magaalaa Jimmaa obbo Xahaa Qamar.Cabiinsa dinagdee Itiyoophiyaa bara dheeraaf ture wal’aanuuf riifoormii dinagdee gooroo hojiirra oole milkaa’inoota gurguddoo galmeessuu himan.Itiyoophiyaan seenaa gargaarramtummaa hambisuun omishtummaan of danda’uuf ce’umsa seena-qabeessa taasisaa jiraachuu kan.Itti gaafataman waajjiraa Paartii Badhaadhinaa damee magaalaa Jimmaa obbo Wasee Girmaan gama isaaniin, Sosochii ‘Itiyoophiyaan haa oomishtuu’jedhu Magaalaa Jimmaatti Indaastirii omishaa fi manufakcheriingii babal’isuun oomishaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuuf hojii bal’aa hojjetameen omishtummaan akka guddatu ta’era jedhan.Dabalataan lammilee hedduuf carraan hojii mumamuu ibsan.Qabeenya Itiyoophiyaatti sona dabaluun oomishtummaa guddisuun badhaadhina biyyaaf oolchuun dandaa’amuu kaasan.Tasfaahun Kabbadaatiin#Oromia #Ethiopia