Ergaa Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad

Wait 5 sec.

Guyyaa OomishtummaaAbbootiin keenyaa dhiigaa fi lafee isaaniin birmadummaa daangaa Itiyoophiyaa eeguun biyya guddoo nu dhaalchisaniiru.Har’as karaa haaraa fi seenaa qabeessa, kadhannaa fi hirkattummaa irraa bilisa ta’een, birmadummaa dhugaa mirkaneessaa jirra!Qamadii Doolaara miiliyoonaan lakkaawwamaniin bituun galchuurraa kaanee, Afrikaarraa oomisha qamadiin adda duree, baasii doolaara miiliyoona hedduu hambisuu dandeenyaarra.Sagantaa Maaddii guutuun wabii nyaataa mirkaneessaa, sosochii Itiyoophiyaa haa oomishtuun Indaastiriiwwan haaraa babal’isuun carraa hojii bal’aa uumuun birmadummaa keenya mirkaneessaa jirra.Daran sodaatamaa kan ture riifoormii diinagdee gooroo murannoon hojiirra oolchuun diinagdee Itiyoophiyaa bu’uura cimaarratti ijaaraa jirra.Milkaa’innoon kunneen hundi qormaatilee keessaa fi alaa cichoominaan darbuu danda’uu keenyaaf ragaadha, imalli olka’iinsaa kun bara dhufuuf abdii guddaadha.#Oromia #Ethiopia