Finfinnee, Hagayya 30, 2018 (FMC) – Imalli Itiyoophiyaan gara dijitaalaatti gootu hirmaannaa dinagdee guddisuu, iftoomina cimsuu fi bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa uummataa cimaa ijaaruu irratti xiyyeeffatee hojjetamaa jira.Waggoota dheeraaf tajaajila mootummaa barbaachisaa argachuuf unkaalee waraqaa guutuu fi waajjiraalee keessatti sa’aatii dheeraa eeggachuun dirqama ture.Har’a garuu dhaabbileen mootummaa tajaajiloota gara garaa kallattiin harka lammiileetti akka geessan kan dandeessisu fooyya’iinsa bal’aa hojjechaa jiru.Fakkeenyaaf, lammiileef eenyummeessaa dijitaalaa Faayidaa kennuun gowwoomsaa hir’isuuf, akkasumas tajaajila baankii amanamaa salphaatti argachuuf bu’uura cimaa uumeera.Marsariitiiwwan mootummaa fayyadamuun lammiileen qaamaan osoo hin argamin paaspoortii gaafachuu, daldala galmeessuu fi kaffaltii tajaajilaa raawwachuu danda’aniiru.Qonna keessatti bittaa fi raabsa xaa’oo karaa dijitaalaa gaggeessuun xaa’oo qonnaan bultoota biraan ga’uun danda’ameera.Kaffaltii inshuraansii fayyaa hawaasaa, herrega dhaabbilee fayyaa fi dhiyeessii qorichaa karaa dijitaalaa gaggeessuunis jalqabameera.Ce’umsa kana keessatti hammatamummaa faayinaansii cimsuuf kan jalqabame Telebirr, har’a appii maallaqa dabarsuu qofa osoo hin taane, sochii faayinaansii keessatti gahee olaanaa qabu ta’eera.Bara baajataa 2018 qofa keessatti daldalli Birrii tiriliyoona 4 ol karaa isaa raawwatameera. Fayyadamtoota miliyoona 60.6 ol tajaajilaa kan jiru Telebirr, dabarsa maallaqaa guyyaa guyyaa, kaffaltiiwwanii fi liqiiwwan raawwachaa jira.Sirni kaffaltii biyyaalessaa appiiwwan baankii fi faayinaansii gara garaa fayyadamuun maallaqa akka dabarsan waan dandeessiseef, baankonni mootummaa fi dhuunfaa akkasumas dhaabbileen appiiwwan baankii moobaayilaa isaanii babal’ifataniiru.Ministeerri Galiiwwanii walitti qabama gibiraa karaa dijitaalaa gaggeessaa jira, akkasumas sirni kaffaltii dijitaalaa buufataalee boba’aa guutuu biyyattiitti hojiirra oole, qisaasama hojii hir’isuu, seera-qabeessummaa gibiraa guddisuu fi walitti qabama galii magaalotaa ammayyeessuu keessatti gahee qaba.Bu’aan waggoota shanan darban keessatti galmaa’e, ce’umsi dijitaalaa dameewwan hafanittis akka babal’atuuf xiyyeeffannoo guddaan hojjetamuu akka qabu kan jajjabeessuudha.Bu’uuraalee misoomaa neetworkii, kanneen akka 4G fi 5G, gara naannolee baadiyyaatti babal’isuun hawaasni naannolee baadiyyaa magaalota waliin walqixa teeknooloojii irraa fayyadamaa akka ta’uuf tarkaanfii murteessaadha.Hojiileen dijitaalaa itti fayyadama guyyaa guyyaa uummataa guddisuun, lammiin hundi daldalaa magaalaa irraa kaasee qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa baadiyyaa jiru, dinagdee dijitaalaa irraa guutummaatti fayyadamaa akka ta’u dandeessisuu irratti xiyyeeffatu.Ce’umsi Itiyoophiyaan gara addunyaa dijitaalaatti gochaa jirtu kallattii imaammataa ifa ta’e, bu’uuraalee misoomaa ammayyaa fi kutannoo biyyaalessaa kan mul’isuudha.Mihireet Damiseetiin #Oromia #Ethiopia