Finfinnee, Qaammee 1, 2018 (FMC) –Itiyoo Teeleekoomiin dhaabbata tajaajila teeleekoomii kennu qofaa miti, dhaabbilee bu’uuraa diinagdee dijitaal Itiyoophiyaa ta’an keessaa isa tokko.Mee yeroo tokko duubatti deebina.Yeroo namoonni wal qunnamuuf sagalee qofa irratti hirkatan ture.Har’a garuu, bilbilli keenya sagalee qofaaf miti.Maallaqa dabarsa. Interneetiin addunyaatti nu baasa. Daldala nuuf bana.Odeeffannoo nuuf dhiyeessa.Itiyoo Teeleekoomiin akkamitti ‘quunnamsiisuu’ irraa gara ‘jireenya dijitaalessuutti ce’e?Biyyi tokko gara bara dijitaalaatti yeroo ceetu, gaheen damee teeleekoomii bilbila walii bilbilu caalaa bal’aadha.Inni bu’uura misoomaa namoota nama waliin, daldala gabaa waliin, akkasumas biyya tokko biyyoota addunyaa biroo waliin quunnamsiisudha.Imala jijjiirama dijitaalaa kana keessatti, Itiyoo Teeleekoomiin gahee olaanaa taphachaa jira.Imalli sagalee bilbilaa fi ergaa gabaabaa irraa jalqabe, har’a gara moobaayil, faayiber interneetii, kaffaltii dijitaalaa, Klaawudii fi furmaatawwan dijitaalaa ammayyaa birootti ce’eera.Waliingahiinsa neetworkii babal’isuu fi qulqullina tajaajilaa fooyyeessuu itti fufuun, magaalaa dabalatee tajaajiloonni dijitaalaa kutaalee biyyattii akka ga’an taasisaa jira.Kunis barnootaaf, daldalaaf, hojii, kalaqaa fi odeeffannoo argachuuf carraa haaraadha.Itiyoo Teeleekoomiin tajaajila dijitaalaa isaatiin furmaatawwan dijitaalaa inni daldaltootaa fi dhaabbileef dhiyeessuun sochii daldalaa isaanii akka guddisan tumsaa jira.Dhaabbata tajaajila teeleekoomii kennu qofa miti, dhaabbilee bu’uuraa diinagdee dijitaalaa Itiyoophiyaa ta’an keessaa isa tokko.Milkaa’inni Itiyoo Teeleekoomii lakkoofsa maamiltootaa, galii ykn uwwisa neetworkii babal’ise qofaatiin hin madaalamu.Milkaa’inni isaa jireenya guyyaa guyyaa namootaa salphisuu, carraawwan daldalaa babal’isuun, Itiyoophiyaas sirna dijitaalaa addunyaa waliin walitti dhiyeessuudhaan mul’ata.#Oromia #Ethiopia